Osoo mu'umintoota irratti -ykn ummata kiyya irratti- ulfaataa ta’uu baatee silaa salaata hundumaa irratti siwaaka akka fayyadaman isaan ajaja ture

Osoo mu'umintoota irratti -ykn ummata kiyya irratti- ulfaataa ta’uu baatee silaa salaata hundumaa irratti siwaaka akka fayyadaman isaan ajaja ture

Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ni jedhan: «Osoo mu'umintoota irratti -ykn ummata kiyya irratti- ulfaataa ta’uu baatee silaa salaata hundumaa irratti siwaaka akka fayyadaman isaan ajaja ture».

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- osoo mu’mintoota irratti ni ulfaataa sodaan jiraachuu baatee, silaa salaata hundumaa wajjiin siwaaka fayyadamuu dirqama taasiisuuf akka ture himani.

فوائد الحديث

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ummata isaanitiif garaa laafuu fi isaan rakkisuu sodaachuudha.

Bu'uurri ajaja Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu-keessatti dirqama ta'uudha, yoo ragaan sunnaa dha ykn dirqama akka hin taane ibsu jiraate malee.

Salaata hundumaa irratti siwaaka fayyadamuun jaallatamaa ta'uu fi sadarkaa qabaachuudha.

Ibn Daqiiq Al-Iid akkana jedhe: Ogummaan yeroo salaataaf dhaabbatan siwaaka fayyadamuun jaallatamaa ta'uu keessa jiru, haala keessatti Rabbitti dhihaatan keessatti ta'uu isaati, kanaaf haala guutuu ta'ee fi qulqullina qabu irratti ta'uun barbaachise; kabaja ibaadaa agarsiisuuf jecha.

Waliigalli Hadiisa kanaa siwaaka fayyadamuun nama sooma qabuuf osoo sa’aatii booda akka salaata zuhrii fi asrii ta'ellee rakkoo akka hin qabne agarsiisa.

التصنيفات

jireenya nabimuhammad s.a.w.