Siwaakiin afaaniif qulqullina, Rabbiif waan isa jaallachiisu

Siwaakiin afaaniif qulqullina, Rabbiif waan isa jaallachiisu

Aa'ishaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- ni jette: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Siwaakiin afaaniif qulqullina, Rabbiif waan isa jaallachiisu".

[sirrii] [ahmad odeesse]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti damee muka aadigaatii fi kan isa fakkaatuun ilkaan qulqulleeffachuun hafuura badaa fi xuriiwwan irraa afaan akka qulqulleessu himan. Akkasumas suwaakkatuun sababoowwan garbichi jaalala Rabbii ittiin argatu irraayi; waan isa keessa Rabbiin tole jechuu fi ajaja isaa fudhachuun jiruuf jecha, akkasumas waan qulqullinni Rabbiin ol ta'e jaallatu isa keessa jiruufi.

فوائد الحديث

Sadarkaa suwaakkachuun qabuu fi akka isa heddummeessanuuf Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ummata isaanii kakaasuudha.

Suwaakkachuu keessatti irra caalaan damee muka araakii fayyadamuudha, buruushii fi saamunaa fayyadamuun bakka isaa ni bu'a.

التصنيفات

sunnaa uumaa