إعدادات العرض
Namni Rabbiin rakkina guyyaa qiyaamaa jalaa nagaa isa baasuun isa gammachiise, nama rakkina keessa jiru hafuura haa baafachiisu ykn irraa haa baasu
Namni Rabbiin rakkina guyyaa qiyaamaa jalaa nagaa isa baasuun isa gammachiise, nama rakkina keessa jiru hafuura haa baafachiisu ykn irraa haa baasu
Abuu Qataadaa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- inni nama wahii kan isa irraa waa liqeeffate barbaadee jennaan, jalaa dhokatee, eegasii isa arge, namichis akkas jedheen: ani rakkina keessa jira, Abuu Qataadaanis akkas jedheen: Rabbiin ni kakattaa? innis wallaahi jedhe, Abuu Qataadaanis akkas jedhe: Ani Ergamaa Rabbiitii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhuun dhaga’e: «Namni Rabbiin rakkina guyyaa qiyaamaa jalaa nagaa isa baasuun isa gammachiise, nama rakkina keessa jiru hafuura haa baafachiisu ykn irraa haa baasu».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी ئۇيغۇرچە Hausa Kurdî Kiswahili Português සිංහල Nederlands Tiếng Việt অসমীয়া ગુજરાતી پښتو മലയാളം नेपाली Magyar ქართული తెలుగు Македонски Svenska Moore Română Українська ไทย मराठी ਪੰਜਾਬੀ دری አማርኛ Wolof ភាសាខ្មែរ ಕನ್ನಡ Српски Yorùbá Malagasy Kinyarwanda Shqip தமிழ் မြန်မာالشرح
Abuu Qataadaa Al-Ansaariin, Rabbiin irraa haa jaallatu, nama idaa isaa qabu kan isa irraa dhokatu barbaadaa turee, isa argee jennaan, namichi idaan itti jiru akkas jedheen: ani rakkina keessa jira, qabeenyan liqii kee kaffaluun hin qabu. Abuu Qatadaan -Rabbiin irraa haa jaallatu- qarshii hin qabu jedhee akka Rabbiin kakatu taasise? Waan dubbatu keessatti dhugaa dubbachaa akka jiru Rabbitti kakate. Abuu Qataadaan -Rabbiin irraa haa jaallatu- inni Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhu akka dhagahe dubbate: Namni rakkinaa fi cinqaa haala Guyyaa Qiyaamaa jalaa Rabbiin isa baasuun isa gammachiise, nama rakkina qabu kaffaltii liqaa isaaf dheeressuu fi tursiisuudhaan, ykn liqaa sana keessaa muraasa ykn hunda dhiisuudhaan itti haa laaffisu.فوائد الحديث
Nama rakkina keessa jiru hanga inni argatutti eeguun, ykn liqaa sana guutumatti ykn gartokkee irraa dhiisuun jaallatamaa ta'uudha.
Namni mu'umina tokko rakkina addunyaa irraa boqochiise, Rabbiin rakkina guyyaa qiyaamaa irraa isa ni boqochiisa, mindaan fakkaatuma hojiiti.
Seera: Dalagaawwan dirqamaa (waajibaa) kan tola ooltummaa (sunnaa) irra ni caala, garuu yeroo tokko tokko sunnaan waajiba caaluu danda'a, liqii nama kaffaluu hin dandeenye irraa kuffisuun sunnaadha, isaaf obsuu fi gaafachuu dhiisuun ammoo waajiba, eddoo kanatti sunnaan waajiba caala.
Hadiisni kun kan ilaallatu nama liqaa san kaffaluu hin dandanyeedha, kuni dhiifama godhamaafi, namni kaffaluu osoo danda'uu tursiise ammoo Rasuulli -naga fi rahmanni irra haa jiraatu- Hadiisa biraa keessatti akkas jedhan: "Namni qabeenya qabu kaffaltii irra jiru tusiisuun miidhaadha".
التصنيفات
Liqii