Amantaa jechuun gaarii yaaduudha

Amantaa jechuun gaarii yaaduudha

Tamiim addaarii irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaallatu- dhugumaan Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Amantaa jechuun gaarii yaaduudha" ni jenne: eenyuufi? ni jedhan: "Rabbiifi, kitaaba Isaatiifi, ergamaa Isaatiif, dureewwan muslimootaatii fi hunduma isaanitiifi".

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Amantaan ikhlaasaa fi dhugummaa irratti akka gadi dhaabbate himan, akka Rabbiin dirqama godhetti hirdhinaan yookaan gowwoomsaan maletti akka geeffamuuf jecha. Nabiyyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-nasiihaan eenyuuf taati jedhamanii gafatamnaan? akkana jedhan: Jalqaba: Gaarii Rabbiif -qulqullaa'e, ol ta'e- yaaduudha: hojii Isaaf qulqulleessuu fi isatti qindeessuu dhabuun, rabbummaa Isaatti, gabbaramummaa Isaatti, maqoowwan Isaa fi sifoowwan isaatti amanuuni, akkasumas ajaja Isaa kabajuu fi gara Isaatti amanutti nama waamuuni. Lammaffaan: Kitaaba Isaatiif gaarii yaaduudha, inni Qur'aana kabajamaadha: haasawa Rabbii akka ta'e, kitaabota Isaa irraa kan dhumaa akka ta'ee fi shari'aa isa dura darbe hunda isaa kan jijjiire ta'uu isaatti amanuudha, isa ni kabajna, qaraatii dhugaa isa qaraana, murtoo isaatti ni hojjanna, wol fakkaattoo isaas ni fudhanna, jalliftoonni isa dabsuu irraas ni deebifna, gorsa isaatiin ni gorfamna, beekumsa isaa ni faccaafna, gara isaattis ni waamna. Sadaffaan: Ergamaa Isaa Muhammadiif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaarii yaaduudha: Ergamaa xumuraa akka ta'an amanuu fi waan ittiin dhufan keesssatti isaan dhugoomsuudha, ajaja isaanii hojii irra oolchuu fi waa isaan dhoorgan irraa fagaachuudha, akkasumas waan isaan ittiin dhufaniin malee Rabbiin gabbaruu dhabuudha, haqa isaanii guddisuu, isaan kabajuudha, waamicha isaanii tamsaasuu, sharii'aa isaanii raabsuu fi maqa baleessii isaan irratti deemu mormuudha. Afraffaan: Dureewwan muslimootaatiif gaarii yaaduudha: haqa irratti isaan gargaaruu, aangoo isaan irratti qabuu dhabuu fi Rabbiin buluu keessatti isaaniif ajajamuudha. Shanaffaan: Muslimoota hundaaf gaarii yaaduudha: tola isaanitti oluunii fi isaan waamuuni, akkasumas dhiibbaa isaan irraa qabuu, toltuu isaaniif jaallachuu, toltuu fi sodaa Rabbii keessatti isaaniin wol gargaaruuni.

فوائد الحديث

Hundaaf gaarii yaaduutti ajajuudha.

Sadarkaan nasiihaan amantii keessatti qabu guddaa ta'uudha.

Amantaan aqiidaawwan, jechoowwanii fi hojiiwwan of keessatti hammachuudha.

Nasiihaa irraa nama gaariin yaadamuuf gowwoomsuu irraa lubbbuu qulqulleessuu fi toltuu isaaf fedhuudha.

Bareeduma barsiisa Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan tokko akka walii galaatti dubbatanii ka'anii eegasii adda babaasanii yeroo ibsan.

Waan irra yaachisaan eegasii irra yaachisaan jalqabuudha, akkasumatti walitti aansuun, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiif gaarii yaaduun eegalanii, eegasii kitaaba Isaa itti aansan, eegasii ergamaa isaati itti aansan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- eegasii immoo dureewwan muslimootaa fi hunduma isaaniitiin xumuran.

التصنيفات

haqa hoogganaan hawaasarraa qabu