Yeroo ergamaan Rabbii nu keessa turanitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- zakaa fixrii hunda xiqqaa fi guddaa, bilisas ta'ee yookaan gabras, irraa nyaata irraa muddii afur, yookaan baaduu irraa muddii afur, yookaan garbuu irraa muddii afur, yookaan tamrii irraa muddii afur,…

Yeroo ergamaan Rabbii nu keessa turanitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- zakaa fixrii hunda xiqqaa fi guddaa, bilisas ta'ee yookaan gabras, irraa nyaata irraa muddii afur, yookaan baaduu irraa muddii afur, yookaan garbuu irraa muddii afur, yookaan tamrii irraa muddii afur, yookaan zabiiba irraa muddii afur baafna ture

Abuu Sa'iid Al-khudrii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Yeroo ergamaan Rabbii nu keessa turanitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- zakaa fixrii hunda xiqqaa fi guddaa, bilisas ta'ee yookaan gabras, irraa nyaata irraa muddii afur, yookaan baaduu irraa muddii afur, yookaan garbuu irraa muddii afur, yookaan tamrii irraa muddii afur, yookaan zabiiba irraa muddii afur baafna ture, hanga Mu'aawiyaa ibnu Sufyaan hajjiif yookaan Umraaf gara keenyatti dhufetti akkasitti baasuu irraa booda hin deebine, minbara irra dhaabbatee namoota haasofsiise, waan namootatti haasawe keessaa: ani qamadiin shaam ganaan lama, tamrii ganaa afuritti akka qixxaa'u yaada, namoonnis sana fudhatani, Abuu Sa'iid ni jedhe: ani garuu hangan jiraadhetti akkuman duraan baasaa turetti baasuu irraa booda hin jedhu.

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Muslimoonni yeroo Nabaiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo kaliifota qajeeloo booda isaaniitii dhufan keessatti zakaa fixrii xiqqaa fi guddaa irraa nyaata irraa hanga saa'ii tokkoo(ganaa harkaa afur) baasaa taurani. Nyaanni isaanii garbuu, (zabiiba): inaba goge, (Al-aqix): Aannan gogee fi tamira ture. Hangi saa'ii tokkoo muddii afuri, muddiin tokko guutuu ganaa lameenii nama giddu galeessa ta'eeti. Mu'aawiyaan yeruma kaliifaa ta'ee gara midiinaatti dhufe -Rabbi isa irraa haa jaallatu- qamadiin shaam hedduummaatee ture, khuxbaa godhee akkana jedhe: qamadiin shaam muddiin lama(wolakkaa saa'ii) tamira saa'ii tokko akka gituutu natti mul'ata. namoonnis sana fudhatani. Abuu Sa'iid Al-khudriin -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ani immoo hanga jiruu kiyyaa akkuman yeroo Nabiyyii -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- keessatti baasaa turetti baasuu tasuma hin dhiisu.

فوائد الحديث

Yeroo nabiyyii keessatti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sadaqaan fixrii hanga inni ta'e ibsuutu keessa jira, gostii fi gatiin kan wol dhabu yoo ta'es nyaata irraa saa'ii tokko.

Nyaatni ilmi namaa nyaatu hundi zakaa fixriitiif ni ta'a, gosootni afran addatti kan dubbatamaniif; waan yeroo nabiyyii keessatti -Rabbiin ramataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nyaata namootaa turaniifi.

Zakaa fixrii keessatti nyaataan ala birrii fi maallaqa baasuun hin eeyyamamuudha.

Aalimni islaamaa Nawawiin sharhii muslim keessatti akkas jedhe: sahaabonni yeroo wol dhabanitti jechi garii isaanii kan garii isaanii irra kan caalu hin taane, kanaaf gara ragaa biraatti deebina, ergaan hadiisotaa ifa galaanii fi qiyaasni bishingaas ta'ee kan biraatiif saa'ii tokko ta'uu ulaagaa akka godhu argina, kanaaf isa qabachuun dirqama ta'a.

Aalimni Islaamaa Ibnu Hajar akkas jedhe: Hadiisa Abuu Sa'iid keessa hordoffii jabaa, hadiisa qabachuu fi keeyyanni jiraachuu woliin gara ijtihaadaatti dabuu dhiisuu keessatti waan inni irra ture hubbanna, gocha Mu'aawiyaa fi namoonni isa hordofuu keessa immoo ijtihaadni eeyyamamaa ta'uu akeekuutu keessa jira, innis faarfamaadha. garuu keeyyanni jiraachuu woliin fudhatamummaan isaa kufaadha.

التصنيفات

zakaa fixrii