Suhuura nyaadhaa, suhuura keessa barakaatu jiraa

Suhuura nyaadhaa, suhuura keessa barakaatu jiraa

Anas Ibnu Maalik irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Suhuura nyaadhaa, suhuura keessa barakaatu jiraa".

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- suhuuratti kakaasani, inni halkan gara dhumaa keessa soomaaf qophaa'uuf jecha nyaata nyaachuudha; barakaan(mindaa fi ajrii irraa toltuu hedduu) waan isa keessa jiruuf jecha, akkasumas yeroo dhuma halkanii keessa du'aa'iif ka'uu, sooma irratti ittiin jabaachuu, isaaf si'a godhachuu fi dadhabbii hirdhisuutu isa keessa jira.

فوائد الحديث

Suhuura nyaachuun jaallatamaa ta'uu isaatii fi isa hojjachuun ajaja shari'aa hojii irra oolchuudha.

Ibnu Hajar Fathul baarii keessatti akkas jedha: barakaan suhuura keessatti karaa adda addaatiin argama, innis sunnaa hordofuu, worra kitaabaa faallesuu, ibaadaa irratti isaan of jabeessuu, si'oomina dabalachuu, haala badaa beelli fidu deebisuu, yeroo sana keessa nama sadaqaa gaafatuuf yookaan nama isaa woliin nyaatuuf sababaa sadaqaa taa'uu, yeroo du'aa'iin ni qeebalama jedhamee yaadamu keessatti sababaa du'aa'ii fi zikrii ta'uu fi rafuun duratti niyyaa soomaa nama dagateef niyyaa qaqqabachuudha.

Bareedina barsiisa nabiyyii -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akka qomni isaan ballatuu fi guddinni shari'aa akka isaan beekamuuf jecha murtoo sababaan waan wolitti hidhaniif.

Aalimni Islaamaa ibnu Hajar akkas jedha: suhuuriin hanga xiqqaa waan namni nyaatuu fi dhuguutiin aragama.

التصنيفات

sunnaalee soomanaa