إعدادات العرض
Namni mu'umina tokko irraa rakkoo duuniyaa irraa rakkoo tokko fure, Rabbiin rakkoo tokko kan rakkoolee guyyaa qiyaamaa irraa ta'e isa irraa fura
Namni mu'umina tokko irraa rakkoo duuniyaa irraa rakkoo tokko fure, Rabbiin rakkoo tokko kan rakkoolee guyyaa qiyaamaa irraa ta'e isa irraa fura
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan: "Namni mu'umina tokko irraa rakkoo duuniyaa irraa rakkoo tokko fure, Rabbiin rakkoo tokko kan rakkoolee guyyaa qiyaamaa irraa ta'e isa irraa fura, nama nama rakkatetti laaffise Rabbiin duuniyaa fi Aakhiraatti isatti laaffisa, nama muslima tokko sattare Rabbiin duuniyaa fi Aakhiraatti isa sattara, hanga garbichi obboleessa isaa gargaaruu irra jiraatetti Rabbiinis gargaarsa garbicha isaa irra jira, beekumsa barbaachaaf jecha nama karaa bu'e Rabbiin isaan karaa jannataa isaaf laaffisa, hawaasni tokko kitaaba Rabbii qara'uu fi gidduu isaaniitti wol barsiisuuf jecha manneen Rabbii keessaa mana tokkotti wolitti qabamaniiru taanan hanga tasgabbiin isaan irratti bu'ee, rahmanni isaan haguugee, malaa'ikaan isaan marsitee, Rabbiin worra isa bira jiranu biratti isaan dubbatu malee hin hafu, nama hojiin isaa booda isa aanse firri isaa isa ariifachiisuu hin danda'u".
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी ئۇيغۇرچە Hausa Kurdî Português සිංහල Kiswahili Tiếng Việt অসমীয়া ગુજરાતી Nederlands മലയാളം Română Magyar ქართული ಕನ್ನಡ Moore Svenska Македонски ไทย తెలుగు Українська मराठी ਪੰਜਾਬੀ دری አማርኛ Malagasy پښتو ភាសាខ្មែរ Lietuvių O‘zbek Azərbaycanالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mindaan muslimaa Rabbiin biratti fakkaataa waan muslmni muslimootaa waliin hojjatuutiin akka ta'e ibsani; namni mu'umina afuura fudhachiisee, furmaata isaa buusee rakkoo fi hammeenya duuniyaa isa irraa deemsisee isa irraa kaase, Rabbiin rakkinoota guyyaa qiyaamaa irraa rakkina tokko isa irraa furuun isa mindeessa. Namni rakkataatti laaffisee isatti salphisee rakkina isa irraa deemsise, Rabbiin duuniyaa fi Aakhiraatti isatti laaffisa. Mucucaa fi badii irraa waan isa ifa baasuun hin barbaachifne namni muslima tokko irratti argee isa isaaf dhokse, Rabbiin duuniyaa fi Akiraatti isaaf dhoksa. Hanga garbichi obboleessa isaa bu'aa isaa diinii fi duuniyaa keessatti gargaaruuf bobba'eera ta'etti, Rabbiin garbicha isaatiif gargaaraa ta'aaf, gargaarsi du'aa'ii, qaama, qabeenyaa fi waan birootiin ta'a. Haala deemsa isaatiin fuula Rabbii ol ta'ee barbaadeen namni beekumsa shari'aa argachuuf deeme; Rabbiin isaan karaa jannataa isaaf laaffisa. Namoonni wohii manneen Rabbii keessaa mana tokko keessatti wolitti qabamanii, Qur'aana Rabbii kan dubbisanuu fi gidduu isaaniitti kan wol barsiisanu yoo ta'an, tasgabbiinii fi bilchinni isaanitti bu'ee, rahmanni Rabbii isaan haguugee wol isaan ga'ee, malaa'ikaan isaan marsitee, Rabbiin worra isatti dhihoo isa bira jiranu biratti isaan faarsu malee hin hafu, kabajaaf Rabbiin garbicha isaa qaama olaanaa biratti isa dubbachuun ga'aadha. Namni hojiin isaa hir'uu ta'e, maatiin isaa sadarkaa worra hojii guutuu hojjataniitti isa hin qaqqabsiisu, kanaafuu kabajaa gosaa fi sadarkaa abbootii isaatti hirkatee hojii keessatti gabaabbachuu dhabuutu barbaachisa.فوائد الحديث
Beekaan islaamaa Ibnu Daqiiq Al-Iid akkas jedha: kun hadiisa guddaadha, gosoota beekumsaa, seeraa fi namuusaalee kan wolitti qabatedha, sadarkaa dhimma muslimootaa baasuu fi beekumsaan yookaan qabeenyaan yookaan gargaarsaan yookaan bu'aa wohiitti akeekuun yookaan gorsaan yookaan waan biroo waan danda'amuun isaan fayyaduun qabuutu isa keessa jira.
Rakkataatti laaffisuutti kakaasuutu keessa jira.
Garbicha muslimaa gargaaruutti kakaasuutu keessa jira, Rabbiin ol ta'e akkaataa gabrichi obboleessa isaa gargaaruun isa gargaara.
Muslima dhoksuu irraa: hirdhina isaa hordofuu dhabuudha, garii salafaa irraa akkas jechuun odeeffamee jira: tuuta wohii kan hirdhina hin qabne, kan hirdhina namootaa dubbatanii jennaan, namoonnis hirdhina isaanii dubbatanun arge, akkasumas tuuta wohii kan hirdhina qabanu, garuu hirdhina namootaa dubbachuu irraa of qabaniii jennaan, kan hirdhinni isaanii irraanfatamen arge.
Namootaa dhoksuu jechuun ijaan argaa badii dhiisuu fi isa deemsisuu dhabuu jechuu miti, garuu badiis hin deemsisa ni dhoksaafis, kun kan ta'u nama badii fi jallina amaleeffachuun isaa hin beekamneefi, namni sanaan barame immoo isaaf dhooksuun hin jaallatamu, inumaa dhimmi isaa nama aangoo qabu biraan ga'ama, sababaa sanaan badiin biraa yoo kan soodaatamu hin taane; isaaf dhoksuun badii irratti hafuu irratti waan isa gowwoomsuu fi gabroottan rakkisuu irratti isaa fi worroota hamtuu fi fiincilaa biroo waan onnachiisuuf jecha.
Beekumsa barbaaduu, Qur'aana dubbisuu fi woliin isa barachuu irratti kakaasuutu keessa jira.
Imaam Annawawiin akkas jedha: kana keessa ragaa sadarkaa Qur'aana qara'uuf jecha masjiida keessatti wolitti qabamuun qabuutu jira...sadarkaa kana argachuu keessatti madrasaa, halaqaa ilmii fi kan kana fakkaatan biroo keessatti walitti qabamuunis akkuma masjiidaatti lakka'ama inshaa Allaah.
Rabbiin mindaa hojii irratti hundeesse malee firummaa irrattii miti.
التصنيفات
sadarkaa barnootaa