إعدادات العرض
Namni haadha manaa lama qabaatee gara takkatti dabe, guyyaa qiyaamaa cinaachi isaa gara tokkotti dabee dhufa
Namni haadha manaa lama qabaatee gara takkatti dabe, guyyaa qiyaamaa cinaachi isaa gara tokkotti dabee dhufa
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkas jedhan: «Namni haadha manaa lama qabaatee gara takkatti dabe, guyyaa qiyaamaa cinaachi isaa gara tokkotti dabee dhufa».
الترجمة
العربية Bosanski English فارسی Français Indonesia Русский Türkçe اردو हिन्दी 中文 Kurdî Português Nederlands অসমীয়া Tiếng Việt ગુજરાતી Kiswahili پښتو සිංහල Hausa Tagalog മലയാളം नेपाली Magyar ქართული తెలుగు Македонски Svenska Moore Română ไทย Українська मराठी ਪੰਜਾਬੀ دری አማርኛ বাংলা Wolof ភាសាខ្មែរ ಕನ್ನಡ Malagasy Kinyarwanda Shqip Српски தமிழ் မြန်မာالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namni haadha manaa tokkoo ol qabaatee haadhotii manaa isaa hanga danda’ametti kan akka baasii, iddoo jireenyaa, uffata, fi bultii irratti wal qixa hin ilaalle, guyyaa qiyaamaa qaamni isaa gar tokkee ta'ee akka dhufu himan, gara tokkotti dabuun jallina isaa irratti isa adabuuf jecha, akkuma wajji jireenya isaa keessatti dabetti.فوائد الحديث
Dhiirri haadha manaa isaa lamaan ykn haadholee manaa isaa gidduutti wal qixxummaan qooduun isa irratti dirqama ta'uudha, taan dhiisee gara takkaa isaanitti dabuun irratti haraama, qallaba, bakka bultii, amala toluu fi kan kana fakkaatan keessatti waan danda'uun haqa hojjachuu qaba.
Ilmi namaa waan danda'uun qooda keessatti wal qixxeessuu qaba, wanni inni dandeenye kan akka jaalalaa fi qalbiin gara takkaa dabuu hadiisicha kana keessa hin galu, kanumaati itti tedhame jecha Rabbii ol ta'ee keessatti: {Yoo tattaafii gootanillee dubartoota giddutti haqa hojjachuu hin dandeessan} [Nisaa'a: 129].
Mindaan fakkaatuma hojii ta'uudha, namichi addunyaa keessatti haadha manaa takka irraa gara ishee birotti dabe, guyyaa qiyaamaa walakkaan isaa tokko isa kaan irraa dabee dhufa.
Haqa gabrootaa guddisuu fi dhiifamni ishee keessatti hin gadhamuudha; sababni isaas waan isheen quuqamaa fi qorannoo irratti ijaaramteef jecha.
Yoo namichi haadhotii manaa isaa gidduutti haqaan hin bulchu jedhee sodaate Haadha manaa takka qofa irratti gabaabbachuun jaallatamaa ta'uudha; akka amantii keessatti hanqinni hin mul'anneef jecha, Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Yoo haqa dalaguu dhabuu sodaattan takkuma qofa fuudhaa} [Nisaa'a: 3].
التصنيفات
bultii jaarsaaf jaartii