إعدادات العرض
Isa lubbuun koo harka isaa keessa jirtuun kakadhee karaa warra isin dura darbanii ni hordoftu
Isa lubbuun koo harka isaa keessa jirtuun kakadhee karaa warra isin dura darbanii ni hordoftu
Abuu Waaqid Al-Laysii irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaalatu: Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu, gara Hunaynitti yeroo bahan muka mushrikootaa tan meeshaa waraanaa itti fannifatan tan zaatu anwaax(bakka waa itti fannifatani) jedhamtu tokko bira darban, akkas jedhaniin (sahaabonni): Yaa ergamaa Rabbii akkuma isaan zaat anwaaxin qaban, nuufis zaat anwaax godhi, Nabiyyiinis nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu akkas jedhan: Rabbiin qulqullaaye! Kuni akkuma ummatni Muusaa isaan jedhani:(Akkuma isaan waan gabbaramu qaban nuufis waan gabbaramu godhi} [Al-A'araaf: 138] Isa lubbuun koo harka isaa keessa jirtuun kakadhee karaa warra isin dura darbanii ni hordoftu".
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी ئۇيغۇرچە Hausa Kurdî Português සිංහල Svenska ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Tiếng Việt Kiswahili پښتو অসমীয়া دری Кыргызча or Malagasy नेपाली Čeština Română Nederlands Soomaali తెలుగు ไทย മലയാളം Српски Kinyarwanda ಕನ್ನಡ Lietuviųالشرح
Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu, gara Hunayn bahan, innis laga gidduu Xaa'ifii fi Makkatti argamuudha, yeroo sanatti sahaabota dhiyeenyatti Islaamummaa fudhatan tokko tokkootu isaan waliin ture. Muka “zat Anwaax” jedhamu tokko bira darban, jechuunis bakka waa itti fannifatan jechuudha, mushrikoonni barakaa barbaaduuf jecha kan isii guddisan ta'an, akkasumas meeshaa isaanii fi wantoota biroo kan irratti fannifatan ta'an, Kanaaf Rasuula nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu, muka akka isaa, kan meeshaa waraanaa isaanii barakaa barbaaduf jecha irratti fannifatan akka isaaniif godhan isaan gaafatan, kun akka hayyamamu itti fakkaateti gaafatan, Nabiyyiinis nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, dubbii kana balaaleffachuu fi Rabbiif ulfina Isaan malu kennuuf jecha "Subhaanallaah" jedhan, dubbiin kunis waan ummanni Muusaa isaan jedhan akka fakkaatu himaniiru: {Akkuma isaan waan gabbaramu qaban nuufis waan gabbaramu godhi}, Ummanni Muusaa nama taabota gabbaru yeroo argan akkuma mushrikoonni taabota qaban taabonni akka isaanifiis ta'u gaafatan, kun garuu karaa isaanii hordofuudha. Sana booda Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, ummanni kun karaa Yahuudotaa fi Kiristaanotaa akka hordofanii waan isaan hojjetan hojjetan sana irraa akeekkachiisuf jecha himaniiru.فوائد الحديث
Ilmi namaa wanta Rabbii ol ta'e irraa isa fageessu tokko akka waan Rabbitti isa dhiheessutti yaaduudha danda'a.
Muslimni tokko wanta amantii isaa keessatti dubbatamuu hin qabne wahii yeroo dhaga’uu fi yeroo waan tokko dinqisiifatu “Allaahu Akbar” fi “Subhaanallaah” jechuudha qaba.
Muka, dhagaa fi kkf irraa barakaa barbaaduun shirkiidha, barakaan Rabbi qofa irraa barbaadama.
Sababni taabota gabbaruu isa guddisuu, isa bira taa'uu aadeffachuu fi isaan barakaa barbaaduudha.
Balbalaa fi daandii gara shirkitti nama geessu cufuun dirqama ta'uudha.
Wanni Qur'aana fi Hadiisa irraa yahuudotaa fi kiristaanota balaaleffachuu keessatti dhufe nuuf akeekkachiisa kennuudha.
Waan amantii keenya irraa ta'uu isaatti ragaan jiru malee warra bara awaamummaa, yahuudotaa fi Kiristaanotatti fakkaachuu irraa dhoorguudha.
التصنيفات
tawhiida gabbaramummaa