إعدادات العرض
Namni kakatee kakaa isaa keessatti: laatiin, uzzaadhaan kakadhe jedhe, laa ilaaha illallaah haa jedhu, namni hiriyaa isaatiin kottu qumaara taphannaa jedhe sadaqaa haa kennatu
Namni kakatee kakaa isaa keessatti: laatiin, uzzaadhaan kakadhe jedhe, laa ilaaha illallaah haa jedhu, namni hiriyaa isaatiin kottu qumaara taphannaa jedhe sadaqaa haa kennatu
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani: «Namni kakatee kakaa isaa keessatti: laatiin, uzzaadhaan kakadhe jedhe, laa ilaaha illallaah haa jedhu, namni hiriyaa isaatiin kottu qumaara taphannaa jedhe sadaqaa haa kennatu».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Tiếng Việt සිංහල Hausa Kurdî Português தமிழ் অসমীয়া Kiswahili ગુજરાતી Nederlands پښتو नेपाली മലയാളം Кыргызча Română Svenska Српски తెలుగు ქართული Moore Magyar Македонски Čeština ಕನ್ನಡ Українська Azərbaycan Kinyarwanda Wolof Malagasy ไทย मराठी ਪੰਜਾਬੀ دری አማርኛ Deutsch ភាសាខ្មែរ Lietuviųالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan Rabbiin malee jiruun kakachuu irraa sodaachisu; mu'uminni Rabbiin malee waan biraatin hin kakatu. namni waan Rabbiin malee jiruun kakate; fakkeenyaaf akka nama: laatii fi uzzaadhaan kakatee- isaan lameen taabota islaamummaan dura yeroo wollalummaa keessatti gabbaramaa turani- laa ilaaha illallaah jechuun lubbuu ofii qaqqabuun isa irratti dirqama akka ta'e himani, shirkii irraa of qulqulleessuu fi kakaa isaa sanaaf kaffaaraa baasuuf jecha. Eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni hiriyaa isaatiin: kottu qumaara taphanna jedhe, -inni namoonni lamaa fi isaa ol ta'an gidduu isaaniitti maallaqa kan namni injifate fudhatu godhanii wol dorgomuudha, jara keessaa namni tokko buufachuu yookaan adabamuu irraa hin oolu-; waan gara isaatti waameef kaffaaraa akka isaaf ta'uuf jecha saddaqachuun jaallatamaa ta'a.فوائد الحديث
Kakaan Rabbii fi maqoowwan isaatii fi sifaata isaatiin malee hin ta'u.
Waan Rabbiin malee jiruun kakachuun haraama, taabota akka laatii fi uzzaatiinis ta'u, yookaan amaanaan kakachuus haa ta'u, yookaan nabiyyiin kakachuus haa ta'u yookaan waan biraatiinis haa ta'u haraama ta'a.
Aalimni islaamaa Al-khaxxaabiin akkas jedhe: kakaan gabbaramaa guddifamu qofaan ta'a, laatiifi waan birootiin yeroo kakate kaafiroota fakkaate, kanaaf jecha tawhiidaatiin akka of qaqqabu ajaje.
Nama Rabbiin malee waan biraatiin kakate kaffaaraan kakaa isa irra hin jiru, isa irratti dirqama kan ta'u gara Rabbii deebi'uu fi araarama gaafachuudha; tawbaa malee wonti biraa isa haquun waan hin malleef jecha.
Qumaarri gosoota isaa hundaa woliin haraama ta'uu isaati, inn farsoo fi taabotaan wolitti hidhee waan Rabbiin haraama godhedha.
Yeroo badii hojjatanitti daddafanii isii irraa deebi'uun dirqama ta'uu isaati.
Namni badiitti kufe toltuun isii hordofuu qaba; toltuun waan badii deemsiftuuf jecha.
التصنيفات
haasawa dhoowwamaafii Rakkoo arrabaa