إعدادات العرض
Warri jannataa jannata erga seenanii booda, Rabbiin ol ta'e akkas jedhaan: waan ani isiniif dabaluu barbaaddan qabdanii?
Warri jannataa jannata erga seenanii booda, Rabbiin ol ta'e akkas jedhaan: waan ani isiniif dabaluu barbaaddan qabdanii?
Suheyb irraa odeeffame, Rabbiin isa iraa haa jaallatu, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: «Warri jannataa jannata erga seenanii booda, Rabbiin ol ta'e akkas jedhaan: waan ani isiniif dabaluu barbaaddan qabdanii? isaanis akkas jedhan: Fuula keenna nu hin ibsinee, jannata nu galchitee, ibidda irraa nagaa na hin baafnee? ni jedhe: Eegasii (Rabbiin) girdoo ni saaqa, Rabbii ol ta'e ilaaluu caalaa wanta isaan gammachiisu tokkollee hin kennamne».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Tiếng Việt Hausa Kurdî Português සිංහල Nederlands অসমীয়া Kiswahili ગુજરાતી አማርኛ پښتو ไทย Română മലയാളം Deutsch नेपाली ქართული Magyar Moore తెలుగుالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- warri jannataa yeroo jannata seenan, Rabbiin akkas isaanin akka jedhu himan: Waan ani isiniif dabaluu barbaaddan qabdanii? Warri jannataa hundi akkas jedhu: Fuula keenya nu hin ibsinee? Jannata nu galchitee, ibidda irraa nagaa nu hin goonee? Eegasii Rabbiin girdoo fuudhee ol kaasa, girdoon isaa ifaadha. Rabbii ol ta'e ilaaluu caalaa wanta isaan gammachiisu tokkollee hin kennamne.فوائد الحديث
Warri jannataa Rabbii isaanii akka arganiif girdoon saaqama, kaafiroonni ammoo kana irraa hoongahanii jiru.
Irra guddaan qananii jannataa mu'umintoonni Rabbii isaanii arguudha..
Namoonni jannata seenan hundi isaanii sadarkaan qubsuma isaanii hangam adda ta’us Rabbii isaanii ni argu.
Rabbiin Mu'umintoota jannata seensisuudhaan tola gudda itti oole.
Barbaachisummaa hojii gaggaariin gara jannataatti ariifachuu fi Rabbii ol ta'ee fi Ergamaa Isaatiif ajajamuuti, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu.
التصنيفات
sifaata jannataafii ibiddaa