إعدادات العرض
Bishaan isaa qulqulluudha, du'aan isaas halaala
Bishaan isaa qulqulluudha, du'aan isaas halaala
Abuu Hureyraa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu ni jedhe: Namichi tokko Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhee gaafate: Yaa Ergamaa Rabbii, nuti galaana irra deemna, bishaan xiqqoo of harkatti qabanna, yoo ittiin wuduu’a raawwanne ni dheebonna, bishaan galaanatiin wuduu’a godhachuu ni dandeenyaa? Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Bishaan isaa qulqulluudha, du'aan isaas halaala».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Tiếng Việt Kurdî Português සිංහල Nederlands অসমীয়া Kiswahili ગુજરાતી አማርኛ پښتو ไทย Hausa Română മലയാളം Deutschالشرح
Namichi tokko Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhee gaafate: nuti qurxummii qabuuf ykn daldalaa fi kan kana fakkaataniif galaana irratti doonii yaabbanna, bishaan dhugaatii xiqqoo of biratti qabannee deemna yoo wudu'aa fi dhiqannaaf bishaan dhugaatii fayyadamne ni dhumata waan dhugnus hin qabnu. bishaan galaanaatiin wuduu’a gochuun nuuf mi hayyamamaa? Isaanis, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, waa'ee bishaan galaanaa akkas jedhan: Bishaan isaa qulqulluu fi qulqulleessaadha; Wuduu’a godhachuu fi ittiin dhiqachuun ni danda’ama, waan galaana keessaa bahu kan akka qurxummii fi kkf osoo hin qabamin du’ee argamee gubbaa bishaanii isaa irratti ol bahee yoo argamellee nyaachuun ni danda’ama.فوائد الحديث
Du'aan bineensa galaanaa halaala, du'aa isatti wanni fedhame: bineensota bishaan galaanaa keessatti du'e kan bishaan keessa malee jiraachuu hin dandeenyeedha.
Faayidaan gaafii sanaa akka guutamuuf jecha, waan gaafataan gaafate caalaa deebsisuudha.
Bishaan yoo mi’aan, halluun ykn fooliin isaa waan qulqulluun yoo jijjiirame, osoo soogiddummaan, ho’i , qorri isaa fi kkf jabaatellee hanga bishaan qulqulluu ta’etti qulqulluuma ta’ee hafa.
Bishaan galaanaa xuriiwwan gurguddoo fi xixiqqoos ni deemsisa, najisa akka tasaa qaama, ykn uffata ykn kkf irratti argame ni balleessa.
التصنيفات
seera bishaanii