ilaalcha tasaa irraa ergamaa Rabbii gaafannaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ija koo akkan naannessu na ajajani

ilaalcha tasaa irraa ergamaa Rabbii gaafannaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ija koo akkan naannessu na ajajani

Jaabir ibnu Abdullaah irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ilaalcha tasaa irraa ergamaa Rabbii gaafannaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ija koo akkan naannessu na ajajani.

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Jaabir ibnu Abdullaah -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ilaacha akka tasaa osoo hin yaadin dhiirri dubartii ajnabii ilaalu irraa nabiyyii gaafate -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaanis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkuma beekeen ija isaatiin gara biraa ilaaluun dirqama akka isa irratti ta'e isa ajajani, badiin immoo isa irra hin jiru.

فوائد الحديث

Ija gadi qabachuutti kakaasuutu keessa jira.

waan isa ilaaluun haraama ta'e yeroo ijji namaa akka tasaa irra bu'e itti fufiinsaan ilaaluu irraa sodaachisuutu keessa jira.

Hadiisicha keessa dubartoota ajnabii ta'an ilaaluun haraama ta'uutu keessa jira, kun sahaabota biratti dubbii ragga'aadha, ragaan jecha jariiri -Rabbi isa irraa haa jaallatu- kan inni nabiyyii akkas jedhee gaafate-Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haaa buusu- ijji isaa osoo hin yaadin dubartii irra yoo bu'e, murtoon isaa murtoo ilaalchaatii?

shari'aan islaama faaydaa gabrootaa eeguutu isa keessa jira, badii duuniyaa fi Aakhiraatti isa hordofee dhufuuf jecha dubartii ajnabii ilaaluu haraama taasise.

sahaabonni waan isaan dhibe keessatti nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- deebi'anii kan gaafatan ta'uu isaa, akkuma kana namoota birootiifis waan isaan dhibe keessatti gara ulamaa'ii deebi'anii isaan gaafachuutu barbaachisa.

التصنيفات

lubbuu qulqulleessuu