“Nyaanni bakka jirutti salaatni hin jiru, akkasumas yeroo namichi fokkataa lamaanin wal deddeebisu keessattis salaata salaatuun hin jiru”

“Nyaanni bakka jirutti salaatni hin jiru, akkasumas yeroo namichi fokkataa lamaanin wal deddeebisu keessattis salaata salaatuun hin jiru”

Āa'ishaa irraa akka gabaafametti Rabbiin irraa haa jaalatu akkana jette: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana yoo jedhu dhagahe: “Nyaanni bakka jirutti salaatni hin jiru, akkasumas yeroo namichi fokkataa lamaanin wal deddeebisu keessattis salaata salaatuun hin jiru”.

[Sahih/Authentic.] [Muslim]

الشرح

Ergamaan Rabbii Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu, bakka nyaata lubbuun nama salaatuu sanaa hawwituu fi qalbiin isaa itti rarraatetti salaatuu dhoorke. Akkasumas yeroo fokkatoo lamaanin waliin dhiphatu keessatti salaatuu irraa dhoorganiiru -fokkatoon lamaanis fincaanii fi sagaraadha-; sababni isaas waan inni rakkina ofirraa ittisutti bobba'uuf jecha.

فوائد الحديث

Namni salaatu salaata isaatti osoo hin seenin dura wanta salaata isaa keessatti isa dhiphisu hunda ofirraa fageessuudha qaba.