Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirre, Muhammad Ergamaa Rabbii akka ta’an ragaa ba’uu, salaata dhaabuu, zakaa kennachuu, dhagayuu fi tole jechuu fi hunda muslimaatif gaarii yaaduu irratti Ergamaa Rabbiitif -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ahdii seeneera/waadaa…

Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirre, Muhammad Ergamaa Rabbii akka ta’an ragaa ba’uu, salaata dhaabuu, zakaa kennachuu, dhagayuu fi tole jechuu fi hunda muslimaatif gaarii yaaduu irratti Ergamaa Rabbiitif -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ahdii seeneera/waadaa galeera

Jarir bin Abdullaah irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirre, Muhammad Ergamaa Rabbii akka ta’an ragaa ba’uu, salaata dhaabuu, zakaa kennachuu, dhagayuu fi tole jechuu fi hunda muslimaatif gaarii yaaduu irratti Ergamaa Rabbiitif -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ahdii seeneera/waadaa galeera.

[Sahih/Authentic.] [Al-Bukhari and Muslim]

الشرح

Sahaabichi Jariir bin Abdullaah -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiif -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- wantoota kanneen irratti akka ahdii seene hima: Rabbiin tokkochoomsuu, salaata dirqamaa shanan halkanii fi guyyaatti ulaagaa fi ruknowwan, dirqamoota isiiti fi sunnaa isii eeggatee salaatuu, zakaa dirqama tahe kafaluu, isiinis ibaadaa qabeenyaa tan dirqamaati, dureeyyii irraa fuudhamteeti hiyyeeyyii fii namoota biroo kan isii haqa godhataniif kennamti, akkasumas moototaaf tole jechuu fi hunda muslimaatif gaarii yaaduudha, innis isa fayyaduu irratti bololuu, kheyrii isatti geessuu fi jechaa fi gochaan hamtuu isa irraa deebisuudha.

فوائد الحديث

Barbaachisummaa salaataa fi zakaati, isaan lameenuu arkaana islaamaa irraayi.

Barbaachisummaa gidduu muslimootatti waliif gaarii yaaduun qabuudha, hanga sahaabonni Ergamaa Rabbiitif -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- sana irratti waadaa seenaniifitti, Rabbiin isaan hunda irraa haa jaallatu.