إعدادات العرض
Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirre, Muhammad Ergamaa Rabbii akka ta’an ragaa ba’uu, salaata dhaabuu, zakaa kennachuu, dhagayuu fi tole jechuu fi hunda muslimaatif gaarii yaaduu irratti Ergamaa Rabbiitif -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ahdii seeneera/waadaa…
Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirre, Muhammad Ergamaa Rabbii akka ta’an ragaa ba’uu, salaata dhaabuu, zakaa kennachuu, dhagayuu fi tole jechuu fi hunda muslimaatif gaarii yaaduu irratti Ergamaa Rabbiitif -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ahdii seeneera/waadaa galeera
Jarir bin Abdullaah irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirre, Muhammad Ergamaa Rabbii akka ta’an ragaa ba’uu, salaata dhaabuu, zakaa kennachuu, dhagayuu fi tole jechuu fi hunda muslimaatif gaarii yaaduu irratti Ergamaa Rabbiitif -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ahdii seeneera/waadaa galeera.
[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी ئۇيغۇرچە Hausa Kurdî Kiswahili Português සිංහල Svenska ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Tiếng Việt پښتو অসমীয়া دری Кыргызча or Malagasy नेपाली Čeština Română Nederlands Soomaali తెలుగు മലയാളം ไทย Lietuvių Српски Kinyarwanda Shqip ಕನ್ನಡ Wolof Українська Moore ქართული Magyarالشرح
Sahaabichi Jariir bin Abdullaah -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiif -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- wantoota kanneen irratti akka ahdii seene hima: Rabbiin tokkochoomsuu, salaata dirqamaa shanan halkanii fi guyyaatti ulaagaa fi ruknowwan, dirqamoota isiiti fi sunnaa isii eeggatee salaatuu, zakaa dirqama tahe kafaluu, isiinis ibaadaa qabeenyaa tan dirqamaati, dureeyyii irraa fuudhamteeti hiyyeeyyii fii namoota biroo kan isii haqa godhataniif kennamti, akkasumas moototaaf tole jechuu fi hunda muslimaatif gaarii yaaduudha, innis isa fayyaduu irratti bololuu, kheyrii isatti geessuu fi jechaa fi gochaan hamtuu isa irraa deebisuudha.فوائد الحديث
Barbaachisummaa salaataa fi zakaati, isaan lameenuu arkaana islaamaa irraayi.
Barbaachisummaa gidduu muslimootatti waliif gaarii yaaduun qabuudha, hanga sahaabonni Ergamaa Rabbiitif -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- sana irratti waadaa seenaniifitti, Rabbiin isaan hunda irraa haa jaallatu.
التصنيفات
sadarkaa salaataa