dhugumatti Rabbiin toltuu fi badduus barreessee, eegasii sanas if galchee jira, namni toltuu tokko yadee osoo isii hin hojjatin hafe Rabbiin toltuu guutuu godhee of biratti isaaf barreessa, yoo isii yaadee isii hojjate immoo of biratti toltuu kudhanii hanga dachaa dhibba torbaatti hanga dachaawwan…

dhugumatti Rabbiin toltuu fi badduus barreessee, eegasii sanas if galchee jira, namni toltuu tokko yadee osoo isii hin hojjatin hafe Rabbiin toltuu guutuu godhee of biratti isaaf barreessa, yoo isii yaadee isii hojjate immoo of biratti toltuu kudhanii hanga dachaa dhibba torbaatti hanga dachaawwan hedduutti isaaf barreessa, namni badii tokko yaadee osoo isii hin hojjatin hafe Rabbiin guutuu godhee of biratti isaaf barreessa, yoo isii yaadee isii hojjate immoo Rabbiin badii tokko qofa isa irratti barreessa

Ibnu abbaas irraa odeeffame -Rabbiin isaan irraa haa jaalatuu- Nabiyyii irraa odeesse -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan Rabbii isaanii irraa odeessanuun keessatti ni jedhe (Rabbiin) jedhan: "dhugumatti Rabbiin toltuu fi badduus barreessee, eegasii sanas if galchee jira, namni toltuu tokko yadee osoo isii hin hojjatin hafe Rabbiin toltuu guutuu godhee of biratti isaaf barreessa, yoo isii yaadee isii hojjate immoo of biratti toltuu kudhanii hanga dachaa dhibba torbaatti hanga dachaawwan hedduutti isaaf barreessa, namni badii tokko yaadee osoo isii hin hojjatin hafe Rabbiin guutuu godhee of biratti isaaf barreessa, yoo isii yaadee isii hojjate immoo Rabbiin badii tokko qofa isa irratti barreessa".

[Sahih/Authentic.] [Al-Bukhari and Muslim]

الشرح

Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin toltuu fi badduu murteessee eegasii akka itti isii barreessan Maleekaa lameenif ibse jichuudha ifa galchan: Namni toltuu hojjachuu fedhee yaadee isii hojjachuu irratti murteeffatee ka'e toltuu tokkotu isaaf barreeffama, yoo isii hin hojjannellee, yoo isii hojjate immoo fakkaattii isii kudhaniin hanga dachaa dhibba torbaa hanga dachaawwan hedduutti dachaa isaaf godhama, dabalanni akkaataa ikhlaasa qalbii, faydaan isaa darbaa ta'uu fi kan sana fakkaatanuun ta'a. Akkasuma namni badii hojjachuu fidhee yaadee isii hojjachuu murteeffatee ka'ee eegasii Rabbiif jecha isii dhiise toltuu godhamee isaaf barreeffama, yoo immoo dhimma biraatiin isii irraa qabamee sababaawwan isii osoo hin hojjatin dhiise homaa isaaf hin barreeffamu, isii hojjachuu dadhabuun yoo isii dhiise immoo yaada isaatu isa irratti barreeffama, yoo isii hojjate immoo badii tokkotu isa irratti barreeffama.

فوائد الحديث

Toltuu dachaa taasisee of biratti isii barreessuu fi badii immoo dachaa taasisuu dhabuu keessatti tola gudda Rabbiin ummata kana irratti oole ifa galchuudha.

Hojii keessatti barbaachisumma niyyaatii fi bu'aa isiiti.

Kenna Rabbii ol tahee, mararfannaa Isaatii fi tola Isaa irraa namni toltuu tokko yaadee ka'ee isii osoo hin hojjatin hafee Rabbiin toltuutti isaaf isaaf barreessa.