Gabrichi Rabbii isaatti akkaan kan dhihaatu yeroo sujuuda keessa jirutti, kanaafuu kadhaa heddummeessaa''

Gabrichi Rabbii isaatti akkaan kan dhihaatu yeroo sujuuda keessa jirutti, kanaafuu kadhaa heddummeessaa''

Abuu Hurayraa irraa akk odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Gabrichi Rabbii isaatti akkaan kan dhihaatu yeroo sujuuda keessa jirutti, kanaafuu kadhaa heddummeessaa''

[Sahih/Authentic.] [Muslim]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gabrichi Rabbii isaatti akkaan kan dhihaatu yeroo sujuuda keessa jirutti akka ta'e ibsan, kunis namni salaatu yeroo sujuudutti Rabbii injifatee guddateef bitamuu fi Isaaf of xinneessuu fi Isaaf gadi of qabuuf jecha irra olaanaa fi irra kabajamaa qaama isaa dachii irra waan kaa'uufi. Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti sujuuda keessatti kadhaa heddummeessuutti ajajanii jiru, jechaa fi hojiin of gadi qabuutu sana keessatti wolitti qabama.

فوائد الحديث

Rabbii ol ta'eef ajajamuun Isatti dhiheenya gabrichaaf dabala.

Sujuuda keessatti kadhaa heddummeessuun jaallatamaa ta'uu isaati, waan inni bakkoolee qeebaltii irraa ta'eef jecha.