?{Jedhi: Inni Rabbii tokkicha} fi suuraa (Mu'awwazateyn) lamaan, yeroo galgalaa fi ganamaa yeroo sadii, waan hundumaa irraa siif geessi

?{Jedhi: Inni Rabbii tokkicha} fi suuraa (Mu'awwazateyn) lamaan, yeroo galgalaa fi ganamaa yeroo sadii, waan hundumaa irraa siif geessi

Abdullah bin Khubayb irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaalatu akkana jedhe: Halkan roobaa fi dukkana cimaa qabu wahii keessa, Ergamaa Rabbii irra akka isaan nuun salaatan kan barbaannu haal taanen baane, nagaa fi rahmanni irra jiraatuu, ni jedhe: isaan nin dhaqqabe, isaanis naan jedhani: “Jedhi”, ani homaa hin jenne, eegasii ni jedhani: “Jedhi”, anis homaa hin jenne, ni jedhani: "Jedhi", anis nin jedheen: Maalin jedha? ni jedhani: «{Jedhi: Inni Rabbii tokkicha} fi suuraa (Mu'awwazateyn) lamaan, yeroo galgalaa fi ganamaa yeroo sadii, waan hundumaa irraa siif geessi".

[Sahih/Authentic.] [At-Tirmidhi]

الشرح

Sahaabaan guddichi Abdullah bin Khubayb, Rabbiin irraa haa jaalatu, akkana jechuun gabaase: Halkan rooba baay’ee fi dukkana cimaa keessa, Ergamaa Rabbii nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu akka isaan salaachisaniif barbaaduuf ba’an,isaanis isaan argatan, Nabiyyiin nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu akkana jedhaniin: "Jedhi", jechuunis qara'i(dubbisi) jechuudha, garuu inni homaa hin dubbisne, Nabiyyiinis, nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu , irra deebi'anii dubbisi jedhaniin, Abdullahis akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii maalin dubbisa? Eegasii Nabiyyiin nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu, akkana jedhan: Suuraa Al-Ikhlaas {Jedhi Inni Rabbii Tokkicha} fi suuraa lamaan mu'awwizateyn{Jedhi ani Rabbii uumaatti maganfadha} fi{ Jedhi ani Gooftaa namootatti maganfadha}, yeroo galgalaa fi ganamaa, yeroo sadii yoo jette, isaan hamtuu fi balaa hinda irraa si eegan.

فوائد الحديث

Ganamaa fi galgala suuraa Al-Ikhlaasi fi Al-Mu’awwidhateynii dubbisuun jaalatamaa ta'uu fi isaanis hunda irraa eegumsa akka ta’aniidha.

Suuraa Al-Ikhlaasi fi Al-Mu'awwizatenii dubbisuun sadarkaa guddaa qaba.