إعدادات العرض
{Jedhi: Inni Rabbii tokkicha} fi Mu'awwazateynii yeroo galgalaa fi ganamaa yeroo sadii, waan hundumaa irraa siif geessi
{Jedhi: Inni Rabbii tokkicha} fi Mu'awwazateynii yeroo galgalaa fi ganamaa yeroo sadii, waan hundumaa irraa siif geessi
Abdullah bin Khubayb irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Halkan roobaa fi dukkana cimaa qabu wahii keessa, Ergamaa Rabbii irraa -nagaa fi rahmanni irra jiraatu- akka isaan nuun salaatan kan barbaannu haala taanen baane, ni jedhe: isaan nin dhaqqabe, isaanis naan jedhani: “Jedhi”, ani homaa hin jenne, eegasii ni jedhani: “Jedhi”, anis homaa hin jenne, ni jedhani: "Jedhi", anis nin jedheen: Maalin jedha? ni jedhani: «{Jedhi: Inni Rabbii tokkicha} fi Mu'awwazateynii yeroo galgalaa fi ganamaa yeroo sadii, waan hundumaa irraa siif geessi".
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Hausa Kurdî Português සිංහල Svenska ગુજરાતી Yorùbá ئۇيغۇرچە Tiếng Việt Kiswahili پښتو অসমীয়া دری Кыргызча or नेपाली Čeština Română Nederlands Soomaali తెలుగు മലയാളം Српски Kinyarwanda ಕನ್ನಡ Lietuvių Wolof ქართული Magyar Moore Українська Shqip Македонски Azərbaycan አማርኛ Malagasyالشرح
Sahaabaan guddichi Abdullah bin Khubayb, Rabbiin irraa haa jaalatu, akkana jechuun gabaase: Halkan rooba baay’ee fi dukkana cimaa keessa, Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akka isaan salaachisaniif barbaaduuf ba’an,isaanis isaan argatan, Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhaniin: "Jedhi", jechuunis qara'i(dubbisi) jechuudha, garuu inni homaa hin dubbisne, Nabiyyiinis -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- irra deebi'anii dubbisi jedhaniin, Abdullaahis akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii maalin dubbisa? Eegasii Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan: Suuraa Al-Ikhlaas {Jedhi Inni Rabbii Tokkicha} fi suuraa lamaan mu'awwizateynii{Jedhi ani Rabbii bariititti maganfadha} fi { Jedhi ani Gooftaa namootatti maganfadha}, yeroo galgalaa fi ganamaa, yeroo sadii yoo jette, isaan hamtuu fi balaa hinda irraa si eegan.فوائد الحديث
Ganamaa fi galgala suuraa Al-Ikhlaasi fi Al-Mu’awwidhateynii dubbisuun jaalatamaa ta'uu fi isaanis hunda irraa eegumsa akka ta’aniidha.
Suuraa Al-Ikhlaasi fi Al-Mu'awwizatenii dubbisuun sadarkaa guddaa qaba.
التصنيفات
zikriiwwan ganamaaf galgalaa