Namni salaata zuhrii duraa fi boodatti rak’aa afur salaatuu irratti tikfate Rabbiin ibidda irratti isa haraama taasiseera

Namni salaata zuhrii duraa fi boodatti rak’aa afur salaatuu irratti tikfate Rabbiin ibidda irratti isa haraama taasiseera

Ummu Habiibaa haadha manaa Rasuulaa -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- irraa akka odeeffametti- akkana jette: Ergamaa Rabbiitii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhuun dhagahe: «Namni salaata zuhrii duraa fi boodatti rak’aa afur salaatuu irratti tikfate Rabbiin ibidda irratti isa haraama taasiseera».

[sirrii] [رواه أبو داود والترمذي والنسائي وابن ماجه وأحمد]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- nama salaata zuhrii duraa fi boodatti rak’aa afur itti fufiinsaan irratti tikfatee yeroo hunda salaate, Rabbiin ibidda irratti isa haraama taasise jechuun isa gammachiisan.

فوائد الحديث

Rak’aa afran salaata zuhrii duraa fi boodaa irratti tikfachuun jaallatamaa ta'uudha.

Sunnaawwan salaata dirqamaa duraa salaatuun ogummaa mataa ofii danda'e qaba, sana keessaa: Nama salaata waajiba keessa seenuu dura ibaadaaf qopheessuudha, ogummaa sunnaalee salaata waajibaa boodatti salaataman keessa jiru keessaa ammoo dogongora salaata waajibaa keessatti argamuu danda'u qobbuudha.

Salaata sunnaa salaatuun faayidaa hedduu qaba, Hojii gaggaarii dabalachuu, hojii badaa haquu, fi sadarkaalee ol kaasuu faa dha.

Bu'uurri warra Sunnaa Hadiisa waa’ee waadaa ilaalchisee akka fakkeenya hadiisa kanaa: Tokkichummaa Rabbii irratti du'uun hiikamuudha, akkasumas itti fedhamaan ibidda keessatti abad ta'uu dhabuudha, sababni isaas namni Rabbiin tokkochoomsee dilii dalage adabamuu waan haqa godhatuuf jecha, ni adabama malee ibidda keessatti abad hin ta'u.

التصنيفات

sunnaa fardii jala deemtu