Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- takkaayyuu kan hoonga gahanii kolfan hin argine, hanga laagaa isaanii argutti. ni seeqatu malee

Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- takkaayyuu kan hoonga gahanii kolfan hin argine, hanga laagaa isaanii argutti. ni seeqatu malee

Aa'ishaa Haadha Mu'mintootaa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkas jette: Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- takkaayyuu kan hoonga gahanii kolfan hin argine, hanga laagaa isaanii argutti. ni seeqatu malee.

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Aa'ishaan Rabbi ishee irraa haa jaallatu, Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- hanga laagaan isaan mul'atutti garmalee akka hin kolfine gabaaste, kunis citaa foonii kan gubbaa qoonqootti maxxanee argamuu dha, ni seeqatuu turani.

فوائد الحديث

Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo waa jaallatan ykn dinqisiifatan kolfa seequu kolfaa turaniidha.

Ibnu Hajar akkana jedhe: yeroo kolfan daangaa dabranii, qaama isaanii guutuu kolfa irratti deebisanii kan kolfan hin argine jechuudha.

Baay'ee kolfuu fi kolfaan sagalee ol kaasuun amala namoota gaggaarii irraayii mitiidha.

Garmalee kolfuun ulfinaa fi kabaja nama dhiiraa obboleeyyan isaa biratti irraa balleessa.

التصنيفات

kofla isaa s.a.w.