إعدادات العرض
Harka kee lameenin akkana jechuutu siif gaya ture" eegasii yeroo tokko harka isaanii lameenin lafa rukutanii, eegasii harka bitaatin harka mirgaa irra haxaa’an, akkasumas gubbaa shanacha harka isaanii lameeni fi fuula isaanii haxaa'an
Harka kee lameenin akkana jechuutu siif gaya ture" eegasii yeroo tokko harka isaanii lameenin lafa rukutanii, eegasii harka bitaatin harka mirgaa irra haxaa’an, akkasumas gubbaa shanacha harka isaanii lameeni fi fuula isaanii haxaa'an
Ammaar bin Yaasiir irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhimma wahiitif na ergan, ani janaabayee bishaan argachuu hin dandeenye, kanaaf jecha akka beyladaan gangalatutti biyyee keessa gangaladhe, eegasii Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee sana itti himee, isaanis ni jedhan: "Harka kee lameenin akkana jechuutu siif gaya ture" eegasii yeroo tokko harka isaanii lameenin lafa rukutanii, eegasii harka bitaatin harka mirgaa irra haxaa’an, akkasumas gubbaa shanacha harka isaanii lameeni fi fuula isaanii haxaa'an.
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Tiếng Việt ئۇيغۇرچە Hausa Português Kurdî Kiswahili සිංහල Svenska ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá پښتو অসমীয়া دری Кыргызча or Malagasy नेपाली Čeština Română Nederlands Soomaali తెలుగు മലയാളം Lietuvių Српски ไทย Kinyarwanda Shqip ಕನ್ನಡ Wolof Українська Moore ქართული Magyarالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatuu- Ammaar bin Yaasir -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- garii dhimmoota isaanitiif jecha imala erganii jennaan, imalicha keessatti walqunnamtii saalaa raawwachuudhaan ykn fedhiidhaan maniyyiin irraa dhangala'uun janaabaan isatti dhufee, bishaan ittiin dhiqatu argachuu hin dandeenye, Janaabaaf jecha hukmii tayammumaa hin beeku ture, garuu hukmii isaa hadasa xiqqaaf(waan akka dhuufuu, fincaanii fi sagaraatif) jecha ni beeka ture, Kanaafuu hadasa xiqqaa keessatti akkuma gariin qaamolee wuduu'aa biyyee lafaa irra haxaa'uun tayammuma godhamutti janaabadhaaf yeroo tayammuma godhatan biyyeen qaama hunda waliin gayuun dirqama jechuu yaade; bishaan irratti qiyaasa godhachuuf jecha, kanaaf hanga qaama hunda waliin gayutti biyyee keessa gangalatee salaate, Eegasii gara Nabiyyiitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee sana itti hime; haqa irra jiraachuu fi jiraachuu dhiisuu akka beekuuf jecha? Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- hadasa xiqqaa akka fincaanitii fi hadasa guddaa akka janaabaa irraa akkamitti akka xaaharatu isaaf ibsan, innis harka isaa lameenin yeroo tokko biyyee irra rukutee, eegasii harka bitaatin harka mirgaa irra haxaa'uudha, akkasumas gubbaa shanacha harka isaa lameeni fi fuula isaa haxaa'uudha.فوائد الحديث
Tayammuma godhachuun duratti bishaan barbaaduun dirqama ta'uudha.
Nama janaabdaa qabu kan bishaan hin argatiniif tayammuma godhachuun karaa ta'uudha.
Hadasa guddaaf tayammuma godhachuun akkuma hadasa xiqqaaf jecha tayammuma godhachuuti.
التصنيفات
tayammuma