Fakkeenyi nama Rabbii isaa yaadatuu fi kan hin yaadannee akka warra jiranii fi warra du’aniiti

Fakkeenyi nama Rabbii isaa yaadatuu fi kan hin yaadannee akka warra jiranii fi warra du’aniiti

Abuu Muusaa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Fakkeenyi nama Rabbii isaa yaadatuu fi kan hin yaadannee akka warra jiranii fi warra du’aniiti», Jecha Muslim tokko keessatti: «Fakkeenyi mana Rabbiin keessatti zakkaramuu fi hin zakkaramnee akka nama warra jiranii fi warra du’aniiti».

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- garaagarummaan nama Rabbii ol ta'e yaadatuu fi hin yaadanne gidduu jiru faayidaa qabaachuu fi bifti isaa toluu keessatti akka garaagarummaa nama lubbuu qabuu fi nama du’ee gidduu jiruu akka ta'e ibsan. Fakkeenyi nama Rabbii isaa yaadatuu akka nama gubbaan isaa ifa jireenyatiin, keessoon isaa immoo ifa beekumsaatiin faayameeti, Fakkeenyi nama Rabbiin hin zakkarree akka nama du’ee gubbaan isaa faayidaa hin qabne, keessoon isaa sobaan guutamee fi isa keessa bu'aan tokkolleen hin jirreeti. Akkasuma manni tokko jiraattonni isaa Rabbiin yoo yaadatan jiraa jedhamee ibsama, akkasta’uu baannaan inni mana du'aadha, jiraattonni isaa waan Rabbi zakkaruu irraa dagataniif jecha, Mana ibsuu keessatti kan jiruu fi kan du’e jechuutti kan fedhame jiraataa manaati.

فوائد الحديث

Rabbiin zakkaruu irratti kakaasuu fi isa irraa akka hin daganne akeekkachiisuudha.

Akkuma lubbuun jireenya qaamaa ta'etti Zikriin jireenya lubbuuti,

Karaa Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- keessaa inni tokko hiikaawwan namaaf dhiheessuuf jecha fakkeenya fayyadamuudha.

Nawawiin akka jedhe: Mana keessatti Rabbiin zakkaruutti waamu fi manichi zikrii irraa akka qullaa hin taane hubachiisuutu keessa jira.

Nawawiin akkana jedhe: Namni du’e gara kheyritti osoo kan ce'e ta'ellee, Rabbif ajajamuu keessatti umriin dheerachuun sadarkaa akka qabu agarsiisa; Sababni isaas namni lubbuun jiru waan itti dhaqqabee kheyrii irraa waan hojjatu irratti dabaluuf jecha.

التصنيفات

faaydaalee zikrii Rabbii