إعدادات العرض
Namni nyaata nyaatee ka'ee: Al-hamdulillaahillazii ax'amanii haaza wo razaqaniihi min gayri hwlin minnii wolaa quwwah, jedhe badiin isaa inni dabarse isaaf dhiifameera» jechuunis: faruun kan Rabbii malaa fi humna kootiin maletti kana na nyaachisee na razzaqeeti, jechuudha
Namni nyaata nyaatee ka'ee: Al-hamdulillaahillazii ax'amanii haaza wo razaqaniihi min gayri hwlin minnii wolaa quwwah, jedhe badiin isaa inni dabarse isaaf dhiifameera» jechuunis: faruun kan Rabbii malaa fi humna kootiin maletti kana na nyaachisee na razzaqeeti, jechuudha
Sahal ibnu Mu'aaz ibnu anas akka abbaa isaa irraa odeessetti ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Namni nyaata nyaatee ka'ee: Al-hamdulillaahillazii ax'amanii haaza wo razaqaniihi min gayri hwlin minnii wolaa quwwah, jedhe badiin isaa inni dabarse isaaf dhiifameera» jechuunis: faruun kan Rabbii malaa fi humna kootiin maletti kana na nyaachisee na razzaqeeti, jechuudha.
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Türkçe اردو 中文 हिन्दी ئۇيغۇرچە Hausa Kurdî Português සිංහල অসমীয়া Kiswahili Tagalog Tiếng Việt ગુજરાતી Nederlands پښتو नेपाली മലയാളം Svenska Кыргызча Română ಕನ್ನಡ Српски తెలుగు ქართული Moore Magyar Македонски Čeština Українська Lietuvių Kinyarwanda Azərbaycan አማርኛ Wolof Malagasy ไทย मराठी ਪੰਜਾਬੀ دری Deutsch ភាសាខ្មែរالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni nyaata nyaate akka Rabbiin faarfatutti kakaasani, nyaata fidachuufis ta'ee isa nyaachuufis gargaarsa Rabbii ol ta'eetiin yoo ta'e malee anaaf humni hin jiru jedhee. Eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama sana jedhe dhiifama Rabbiin badii isaa xixiqqoo darbeef isaaf godhuun gammachiisani.فوائد الحديث
Booda nyaataatii Rabbiin faarsuun jaallatamaa ta'uu isaa.
Tolli Rabbiin gabroottan isaatti oole guddaa ta'uu isaa ibsuu, waan sababaa rizqii isaaniif laaffisee isaan razzaqee ka'ee sana immoo sababaa ittiin badiin isaanii isaaniif haqamtu taasiseef jecha.
Wontoonni gabrootaaf ta'an hunduu Rabii ol ta'e irraayi, malaa fi humna isaaniitiinii miti, gabrichi sababaa geessisuutti ajajame.
التصنيفات
waan dhufeef zikrii jedhan