إعدادات العرض
Yaa Rabbi amantii koo isa eegumsa kiyyaaf ta'e, naaf tolchi
Yaa Rabbi amantii koo isa eegumsa kiyyaaf ta'e, naaf tolchi
Abuu Hureyraa irraa odeeffame -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkas jedhan: «Yaa Rabbi amantii koo isa eegumsa kiyyaaf ta'e, naaf tolchi, Addunyaa koo kan jireenyi koo keessa jirus naaf fooyyessi, Aakhira koo kan deebiin koo isa keessatti ta'uu naaf tolchi, Jireenya koo kan waan gaarii hundumaa irraa keessatti dabaladhu naaf godhi, Du'aas kan hamtuu hunda irraa itti boqadhu naaf taasisi».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी ئۇيغۇرچە Hausa Kurdî Português සිංහල Nederlands অসমীয়া Tiếng Việt Kiswahili ગુજરાતી پښتو አማርኛ ไทย Română മലയാളം Deutsch नेपालीالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- du'aa'ii isa keessatti hundeelee naamusa gaggaarii kan isaan ishee guutuf ergaman walitti qabaniin kadhatan, innis tolina Amantii, tolina addunyaa fi aakhiraati, Jecha gabaabaa kana keessatti tolina wantoota sadan walitti qaboo ta'anii kana dubbatanii, Tolina amantiitin eegalan, tolinni jiruu ganda lameenii isaan argama waan ta'eef, akkana jedhan: (Yaa Rabbi amantii koo naaf tolchi) Naamusa isaa haala hunda caalaa fi guutuu ta’een akkan raawwadhu na waffaquun jechuu dha. (Isa inni eegumsa dhimma kiyyaa ta'e) akkasumas Dhimma koo hundaaf eegduu kan ta'e, yoo amantiin koo bade, dhimmoonni koo ni badan, anis kisaaraa keessa gala, itti aansee tolinni amantii barbaadamaan tolina addunyaatin malee waan hin guutamneef akkana jedhan: (Addunyaa koos naaf tolchi) Fayyaa qaamaa, nageenya, jireenya, haadha manaa gaarii, maatii gaarii fi waan na barbaachisu kan halaala ta'ee ibaadaa keetirratti na gargaaru naaf kennuun, Ergasii isa kadhachuu keessatti sababaa dubbachuun, akkas jedhan: (Isaa jireenya koo keessa jiru), akkasumas bakki jireenyaa koo fi yeroon jireenyaa koo kan isa keessa ta'u. (Aakhiraa koo kan itti deebi'uuf taa'u naaf tolchi) akkasumas deebii koo kan gara qunnamtii keetitti ta'uuf taa'us naaf tolchi, kun ammoo tolina dalagaa fi Rabbiin gabricha ikhlaasan isa gabbaruuf isa waffaqee khaatimaan toluun mirkanaa'a. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- eega addunyaa dubbatanii Aakhiraa dubbatan; sababni isaas inni jalqabaa mala isa lammaffaa sirreessuu waan ta’eef jecha, Namni akkaataa Rabbiin barbaadutti addunyaan isaaf sirroofte aakhiraan isaas isaaf sirrooftee itti milkaa'a. (Jireenya godhi) akkasumas dheerina umrii, (dabalata kheyrii hundaa) kanan hojii gaggaarii itti baay'ifadhu naaf godhi, (Du'a naaf taasisi) Saffisiisa isas (badii hundarraa boqonnaa) akkasumas Qormaata, rakkina, dilii fi dagannoon mokkoramuu irraas, akkasumas rakkina addunyaa fi dhiphina ishee irraa bilisa ta'ee kan boqonnaan naaf argamu naaf taasisi.فوائد الحديث
Amantiin wanti hunda caalaa barbaachisaa dha; Kanaafi Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- du'aa'ii keessatti isaan eegalan.
Amantiin nama tokkoof eegumsa badii hunda irraa isa dhoorga.
Tolina Jiruu addunyaa fi Aakiraatif jecha dhimmoota addunyaa kadhachuun barbaachisaa dha.
Amantii keessatti fitnaa sodaachuuf jecha du’a hawwuun, ykn shahiidummaa irratti akka du’u Rabbiin kadhachuun hin jibbamuudha.
التصنيفات
du'aa'ii nabii s.a.w.