إعدادات العرض
Namichi haala isa herregatuun maatii isaatiif yoo baase inni isaaf sadaqaadha
Namichi haala isa herregatuun maatii isaatiif yoo baase inni isaaf sadaqaadha
Abuu Mas'uud irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Namichi haala isa herregatuun maatii isaatiif yoo baase inni isaaf sadaqaadha».
[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Tiếng Việt ئۇيغۇرچە Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు မြန်မာ ไทย Deutsch 日本語 پښتو অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી Yorùbá Nederlands සිංහල Kiswahili தமிழ் دری Magyar ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių Malagasy Română Kinyarwanda नेपाली Српски Wolof Soomaali Moore Українська Български Azərbaycan ქართული тоҷикӣ Bambara Македонски አማርኛ ភាសាខ្មែរ मराठी ਪੰਜਾਬੀ Italiano O‘zbekالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namichi maatii isaa kan isaaniif baasii baasuun isa irratti dirqama ta'u, kan akka haadha manaa isaa, haadhaaf abbaa isaa, ilmaaan isaa fi kanneen biroo haala Rabbitti ittiin dhihaachuu fi mindaa waan baasu sanaa haala isa irratti herregatuun baasii yoo isaaniif baase, mindaa sadaqaatu isaaf jira.فوائد الحديث
Kenna maatii isaatiif kennuun mindaan akka argamuudha.
Mu'uminni hojii isaa keessatti fuula Rabbiitii fi mindaa isa bira jiru barbaada.
Hojii hunda keesatti niyyaa baredduu of duratti godhachuutu barbaachisa, sana keessaa yeroo maatiif baasii baasanutti.
التصنيفات
masruufa