Guyyaa qiyaamaa Rabbiin ummata koo irraa nama wohii uumama fuulduratti adda isa baasee

Guyyaa qiyaamaa Rabbiin ummata koo irraa nama wohii uumama fuulduratti adda isa baasee

Abdullaah ilama Amrii ilam Aas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Guyyaa qiyaamaa Rabbiin ummata koo irraa nama wohii uumama fuulduratti adda isa baasee, galmee sagaltamii sagal isatti gadi baasa, galmeen hunduu hanga agartuu ijaati, eegasii ni jedhaan: kana irraa waa tokko ni mormitaa? barreessitoonni koo eegdonni si miidhanii jiruu? innis ni jedha: lakkii yaa Rabbii kiyya, Rabbiin ni jedhaan: rakkoo himattu ni qabdaa? ni jedha: lakkii yaa Rabbii kiyya, Rabbis ni jedha: ee toltuutu nu bira siif jira, dhugumatti hardha sirratti miidhaan kamuu hin jiru, eegasii kaardii isii keessa: haqaan gabbaramaan Allaaha malee hin jiru Muhammad immoo gabricha Isaatii fi ergamaa Isaati jettuutu gadi baafama, eegasii Rabbiinis ni jedha: miizaana kee irratti argami, namtichiis ni jedha: kaardittiin tun galmee hedduu kana biratti maali isiin yaa Rabbii kiyya? Rabbiinis ni jedha: ati dhugumatti hin miidhamtu, ni jedhe: galmeewwan gama tokkoon kaardittiin immoo gama tokkoon miizaan irra ka'amtee jennaan galmeewwan kuftee, kaardittiin ulfaatte, maqaa Rabbii waliin wanni ulfaatu hin jiru".

[sirrii] [tirmizii odeesse - ibnumaajah odeesse]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin guyyaa qiyaamaa ummata fuulduratti ummata isaa irraa namicha tokko filatee herregamuuf jecha akka isa waamu himani, galmee sagaltamii sagal isarra fida, isiin barruu hojii isaa badduu kan inni duuniyatti hojjataa ture yoo taatu, dheerinni galmee hundaa hanga agartuu ijaati. Eegasii Rabbiin ol ta'e namicha kanaan akkas jedha: wantoota galmeewwan kana irratti barraa'an keessaa wanti ati mormitu ni jiraa? Malaa'ikaan koo eegdotaa fi barreessitoota ta'an waa si miidhanii? Namtichiis lakkii yaa Rabbii kiyya jedha. Eegasii Rabbiin ol ta'e ni jedha: hojiiwwan duuniyaatti hojjatte kanaaf rakkoo himattu tan ittiin dhiifama siif godhamu qabdaa? irraanfiin ta'us yookaan dogongoraan ta'us yookaan wollaalummaan ta'us, Namtichis ni jedhe: lakkii yaa Rabbii koo sababaan naaf hin jiru. Rabbiin ol ta'e ni jedha: ee toltuutu nu bira siif jira, dhugumatti hardha miidhaan sirratti hin jiru. Ni jedhe: kardii isii keessatti: haqqaan gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirre ragaan ba'a, akkasumas Muhammad gabricha Isaatii fi ergamaa Isaa ta'uu ragaan ba'a jechuun barreeffameetu gadi baafama. Rabbiin ol ta'e namicha kanaan miizaana kee irratti aragami jedhaan. Namichis ajaa'ibsiifataa akkas jedha: yaa Rabbii koo! ulfaatinni kaardittii tanaa galmeewwan kana biratti maali?! Rabbiin injifatee guddate ni jedhe: gonkumaa miidhaan sirra hin ga'u. Ni jedhe: galmeewwan gara tokko irra kaa'amee, kaardiin gara tokko irraa ka'amtee; garri galmeewwan irra jirtu salphatee, garri kaardiin irra jirtu caalee ulfaatee argame, Rabbiinis isaaf dhiise.

فوائد الحديث

Guddina jecha tawhiidaa: haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru jedhanii ragaa ba'uun qabduu fi miizaana irratti ulfaataa ta'uu isaati.

Laa ilaaha illallaah (haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru) arraba qofaan jechuun hin ga'u, hiikkaa isii baruuu fi akeeka isiitti hojjachuun dirqama ta'a.

Ikhlaasni(ibaadaa Rabbiif qulqulleessuu) fi jabinni tawhiidaa badiin haqamuuf sababaadha.

Akkaataa walcaaliinsa ikhlaasa qalbii keessa jiruun iimaannis wal caala, namni gariin jechattii kana jechuutu mala garuu immoo hanga badii isaatiin adabama.

التصنيفات

Guyyaa qiyaamaa dhugaoomsuu., sadarkaa tawhiidaa