إعدادات العرض
Namni Amantii keenya kana keessatti, waan biraa kan isa irraa hin taane argamsiise, inni deebifmaadha (fudhatama hin qabu
Namni Amantii keenya kana keessatti, waan biraa kan isa irraa hin taane argamsiise, inni deebifmaadha (fudhatama hin qabu
Haadha Mu'umintootaa kan taate Ummu Abdullaah Aa'ishaa irraa akka odeeffametti -Rabbi isii irraa haa jallatu- ni jette: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Namni Amantii keenya kana keessatti, waan biraa kan isa irraa hin taane argamsiise, inni deebifmaadha (fudhatama hin qabu». Gabaasa Muslim keessatti: «Namni hojii Amantii keenya keessa hin jirre hojjate, hojichi deebifamaadha (hin qeebalamu)».
الترجمة
العربية Español አማርኛ English اردو Indonesia বাংলা Français Türkçe Русский Bosanski සිංහල हिन्दी 中文 فارسی Tiếng Việt Tagalog Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili தமிழ் မြန်မာ ไทย Deutsch پښتو অসমীয়া Shqip Nederlands ગુજરાતી Кыргызча नेपाली Lietuvių دری Српски тоҷикӣ Kinyarwanda Română Magyar Čeština Moore Malagasy ಕನ್ನಡ Wolof Azərbaycan O‘zbek Українська ქართული Македонски ភាសាខ្មែរ Bambara ਪੰਜਾਬੀ मराठी Kirundi Kurmancî Bahasa Melayuالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni amantii kana keessatti waa kalaqe ykn waan Qur’aanaa fi Hadiisa irraa ragaa hin qabne hojjate inni abbuma hojjate san irratti akka deebifamuu fi Rabbiin biratti fudhatama akka hin qabne ibsan.فوائد الحديث
Ibaadaan waan Qur’aanaa fi Hadiisa keessatti ibsame irratti hundaa’aa waan ta’eef, seera inni baaseen malee Rabbii ol ta’e hin gabbarru, kalaqaa fi waan ragaa hin qabneenii miti.
Amantiin yaada fi waan gaarii jedhame irratti kan hundaa’e osoo hin taane, Ergamaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hordofuudhaan qofa ta'a.
Hadiisni kuni Amantiin guutuu ta'uu irratti ragaadha.
Bid'aa jechuun aqiidaa yookaan jecha yookaan hojii irraa ta'ee isheen hunduma waan zamana Nabiyyiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- fi sahaabota hin jerre kan Amantii keessatti argamsiifameeti.
Hadiisni kuni bu'uroowwan Islaamaa keessaa bu'ura tokko yoo ta’u, hojiileef madaala akka ta’etti ilaalama, kanaafuu akkuma hojiin fuula Rabbii ol ta’ee barbaaduun isa keessa hin jirre hundi nama isa hojjateef mindaan isa keessa hin jirretti, hundi hojii waan Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ittiin dhufaniin wal hin simanne nama isa hojjate irratti deebifamaadha.
Hadiisni kun bida'aawwan argamsiifamanii fi badiiwwan argaman deebisuu keessatti foormulaadha.
Bid'aawwan dhoorgaman dhimmoota amantiitiin wantoota walqabatani malee kan jiruu addunyaatii miti.
