Lallabaan tokko ni lallaba, isiniif fayyaa malee gonkumaa dhukkubsachuun hin jiru, jiraachuu malee du'uun gonkumaa hin jiru, dargaggummaa malee dulloomuun gonkumaa hin jiru, qananii keessa jiraachuu malee gonkumaa abdii kutachuun hin jiru

Lallabaan tokko ni lallaba, isiniif fayyaa malee gonkumaa dhukkubsachuun hin jiru, jiraachuu malee du'uun gonkumaa hin jiru, dargaggummaa malee dulloomuun gonkumaa hin jiru, qananii keessa jiraachuu malee gonkumaa abdii kutachuun hin jiru

Abuu Sa’iid al-Khudrii fi Abu Hureyraa irraa odeeffame Rabbiin isaan irraa haa jaallatu Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ni jedhan: «Lallabaan tokko ni lallaba, isiniif fayyaa malee gonkumaa dhukkubsachuun hin jiru, jiraachuu malee du'uun gonkumaa hin jiru, dargaggummaa malee dulloomuun gonkumaa hin jiru, qananii keessa jiraachuu malee gonkumaa abdii kutachuun hin jiru» kuni jecha Rabbii ol ta 'eeti: {Jannanni sana sababaa waan hojjetaa turtaniitin dhaalchifamtani} [Al-a'araaf: 43].

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- lallabaan tokko jannata keessatti osoo warri jannataa qananii irra jiran akkana jedhee akka lallabu dubbatan: Isin jiraachuu malee dhukkubni hammam xiqqaa ta’us, Jannata keessatti gonkumaa dhukkubsachuun hin jiru, jiraachuu malee duuti osoo hirriiba ta'ellee inni du'a xiqqaadhaa jannata keessatti gonkumaa du'uun hin jiru, dargaggummaa malee jannata keessatti gonkumaa jaarsa ta'uun hin jiru, qananii malee gaddaa fi abdii kutachuun gonkmaa jannata keessatti hin jiru, suni jecha Rabbii ol ta'eeti : {Jannanni sana sababaa waan hojjetaa turtaniitin dhaalchifamtani} [Al-a'araaf:43].

فوائد الحديث

Irra guddaan wantoota qananii jireenya adduunyaa kanaa dhiphisanii abbaan isaa qananii irraa osoo bakka fedhellee gahee, wantoota afuri: Dhukkuba, du’a, dullumaa fi gadadoo, gadda, sababaa diina, hiyyuma, waraana fi kan biroo irraa sodaatutiin, warri jannataa sodaa kanneen irraa nagaa ta'anii jiraatani, kanaan qananiin hunda caalu warra jannataatif ta'e.

Qananiin jannataa qananii addunyaa keessa jiru irraa akka adda ta'eedha; Sababni isaas qananii Jannataa keessa waan sodaan hin jirreef jecha, qananiin addunyaa itti fufiinsa hin qabaatu, akkasumas laalaa fi dhibeen duwwaa isii gochuu danda'an.

Hojii gaggaarii gara qananii Jannataatti geessu hojjechuuf jajjabeessuudha.

التصنيفات

sifaata jannataafii ibiddaa