إعدادات العرض
Namni amaanaan kakate nu irraayii miti
Namni amaanaan kakate nu irraayii miti
Bureydaa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Namni amaanaan kakate nu irraayii miti».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Indonesia Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी සිංහල ئۇيغۇرچە Hausa Kurdî Português Nederlands Tiếng Việt অসমীয়া ગુજરાતી Kiswahili پښتو മലയാളം नेपाली Magyar ქართული తెలుగు Македонски Русский Svenska Moore Română Українська ไทย मराठी ਪੰਜਾਬੀ دری አማርኛ Wolof ភាសាខ្មែរ ಕನ್ನಡ Malagasy Kinyarwanda Српски Shqip தமிழ் မြန်မာالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- amaanaan kakachuu irraa dhoorganii akeekkachiisanii, namni akkas godhe nu irraayii miti jechuu himan.فوائد الحديث
Rabbiin malee waan biraatiin kakachuu haraama ta'uudha, sana keessaa: amaanaan kakachuudha, inni shirkii xiqqaa irraayi.
Amaanaan, Rabbiif ajajamuu, Rabbiin gabbaruu, waa kaawwachuu, mallaqaa fi nageenya hammata.
Kakuun kan fudhatama argatu Rabbii guddaan, ykn maqaa maqaawwan isaa irraa taheen, ykn sifa sifaawwan irraa tahe qofaan yoo ta'eedha.
Khaxxaabiin akkana jedhe: Sababa Rabbiin ofii fi sifaawwan isaa qofaan akka kakatamu ajajeef amaanaan kakatuun jibbame, amaanaan ammoo sifaawwan Rabbii irraayii miti, isheen ajaja tokko kan ajajoowwan isaa dirqama tokko kan dirqamoowwan isaa irraa ta'eedha, waan gidduu amaanaa fi gidduu maqaalee fi sifaawwan Rabbii ol ta'ee walqixxeessuun argamuuf jecha amaanaan kakachuu irraa dhoorgaman.
التصنيفات
shirkii