“Uumamni waa shani, isaanis: Kittaannaa, rifeensa qaama saalaa maddii haaddachuudha, rifeensa affarroo muruu, kottee gabaabsuu fi rifeensa bobaa jalaa buqqisuudha”

“Uumamni waa shani, isaanis: Kittaannaa, rifeensa qaama saalaa maddii haaddachuudha, rifeensa affarroo muruu, kottee gabaabsuu fi rifeensa bobaa jalaa buqqisuudha”

Abbaa Hurayraa irraa odeeffame -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhuun dhagahe: “Uumamni waa shani, isaanis: Kittaannaa, rifeensa qaama saalaa maddii haaddachuudha, rifeensa affarroo muruu, kottee gabaabsuu fi rifeensa bobaa jalaa buqqisuudha”.

[Sahih/Authentic.] [Al-Bukhari and Muslim]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- amaloota shan kan amantii Islaamaa fi sunnaalee ergamtootaa irraa ta'an ibsan: San keessaa inni jalqabaa: kittaannaadha, innis gogaa dabalataa mataa qaama saalaa dhiiraa irratti argamu irraa kutuudha, akkasumas mataa gogaa qaama saalaa dubartii bakka qaamni saalaa dhiiraa seenuun olitti argamu irraa kutuudha. Inni lammaffaa: Istihadada, innis rifeensa naannoo qaaama saalaa haaddachuudha. Sadaffaan: Rifeensa affarroo muruudha, innis waan hidhii dhiiraa tan gubbaa irratti biqile akka hidhiin mul’atutti muruudha. Afraffaan: Qeensa gabaabsuudha. Shanaffaan: Rifeensa bobaa jalaa buqqisuudha.

فوائد الحديث

Sunnaaleen Ergamtootaa tan Rabbiin isii jaallatee isitti ajaju ta jaalatee ajaju, guutuu, qulqullummaa fi bareedinatti waamti.

Wantoota kannnen too'achuun karaa ta'uu fi ishee irraa dagachuu dhabuudha.

Amaloonni kun faayidaa amantii fi duniya kan qaban yoo ta’u, isaan keessaa: Akkaataa ofii miidhagsuu, qaama qulqulleessuu, qulqullummaaf of eeggannoo gochuu, kaafiroota fallessuu fi ajaja Rabbiif ajajamuu faadha.

Shanan kana malee amala dabalataan naamusa uumamaa kan akka: areeda guddisuu, siwaaka (rigaa ilkaanii) fayyadamuu fi kanneen biroo akka jiran hadiisa biroo keessatti ibsameera.