Anaa fi Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- osoo nuti lachuu janaabdaa qabnuu meeshaa bishaanii tokko irraa kan dhiqannu taane, marxifatutti na ajau ture, anis nan marxifadha, eegasii osoon ani heydii(dhiiga ji'aa) qabuu qaama isaanitiin natti maxxanu ture,

Anaa fi Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- osoo nuti lachuu janaabdaa qabnuu meeshaa bishaanii tokko irraa kan dhiqannu taane, marxifatutti na ajau ture, anis nan marxifadha, eegasii osoon ani heydii(dhiiga ji'aa) qabuu qaama isaanitiin natti maxxanu ture,

Aa'ishaa Haadha Mu’mintootaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- akkas jette: Anaa fi Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- osoo nuti lachuu janaabdaa qabnuu meeshaa bishaanii tokko irraa kan dhiqannu taane, marxifatutti na ajau ture, anis nan marxifadha, eegasii osoon ani heydii(dhiiga ji'aa) qabuu qaama isaanitiin natti maxxanu ture, akkasumas osoo ani heydii qabuu i'itikaaf irra osoo jiranuu mataa isaanii dhiquuf natti gadi baasu ture.

[Sahih/Authentic.] [Al-Bukhari and Muslim]

الشرح

Aa'ishaan Haati Mu’umintootaa -Rabbiin ishee irraa haa jaallatu- haala addaa tokko tokko kan isheen isaanin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- waliin qabdu himte, sana keessaa: janaabadhaaf jecha isaanin waliin meeshaa tokko irraa kan dhiqattu taate, meeshicha irraa yeroo tokko bishaan fudhatu. Akkasumas isaan -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- haala isheen laguu irra jirtuun ishetti dhufuu yeroo barbaadan qaama ishee handhura irraa kaasee hanga jilbaatti akka haguugdu ishee ajajan, eegasii walqunnamtii saalaa malee qaama isaanitiin qaama ishetti akka maxxanan himte. Akkasumas isaan i'itikaafaaf masjiida keessa osoo jiranuu mataa isaanii gara Aa'ishaatti gadi baasanii haala isheen ofii isheetif mana ishee keessatti laguu irra jirtuun mataa isaanii akka dhiqtu himte.

فوائد الحديث

Abbaan manaa fi haati manaa isaa meeshaa tokko irraa dhiqachuun ni danda’amaadha.

Dubartii laguu qabdu qaama saalaan alatti waan biraa keessatti itti dhihaachuun ishee taphachiisuun ni danda'amaa fi qaamni ishee qulqulluu akka ta'e ibsuudha.

Yeroo wal booharsaniin keessatti marxoo uffachuun ishee jaalaatamaa ta'uudha.

Sababoota haraama keessatti akka hin kufne nama dhorguu danda'an godhachuudha.

Dubartoonni laguu qaban akka masjiida keessa hin teenye dhoorguudha.

Rifeensa dhiquu fi isa filachuu dabalatee wantoota jiidha qaban ykn goggogoo ta'an tuquun isheef ni hayyamamaadha.

Waliin jireenya gaarii Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- maatii isaanitif qabaniidha.