Tooltuu irraa homaa hin tuffatin, fuula ifaa ta'een obboleessa keetiin wol gahuu osoo ta'eellee

Tooltuu irraa homaa hin tuffatin, fuula ifaa ta'een obboleessa keetiin wol gahuu osoo ta'eellee

Abuu Zarri irraa odeefamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas naan jedhani: "Tooltuu irraa homaa hin tuffatin, fuula ifaa ta'een obboleessa keetiin wol gahuu osoo ta'eellee".

[Sahih/Authentic.] [Muslim]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- toltuu hojjachuu fi osoma xiqqoo ta'eellee isa tuffachuu dhabuutti kakaasani, sana irraa yeroo wol geettii seequun fuula ifuudha, muslimaaf isa irratti bololuun barbaachisaadha; obboleessa muslimaa mukuu baasuu fi gammachuu isatti seensisuun waan isa keessa jiruuf jecha.

فوائد الحديث

Sadarkaa Mu'umintoota gidduutti wol jaallachuunii fi yeroo wol geettiitti seequu fi gammaduun qabudha.

Guutumummaa shari'aa kanaatii fi waan hundaa kan of keessatti qabate ta'uu isaati, inni dhugumatti hunda waan isa keessa tolinni muslimootaa fi tokkummaan isaanii jiruun dhufe.

Yoo xiqqaatellee toltuu hojjachuutti kakaasuudha.

Muslimootatti gammachuu seensisuun jaallatamaa ta'uu isaati; tokkummaa gidduu isaaniitti dhugoomsuun waan sana keessa jiruuf.