إعدادات العرض
Tooltuu irraa homaa hin tuffatin, fuula ifaa ta'een obboleessa keetiin wol gahuu osoo ta'eellee
Tooltuu irraa homaa hin tuffatin, fuula ifaa ta'een obboleessa keetiin wol gahuu osoo ta'eellee
Abuu Zarri irraa odeefamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas naan jedhani: "Tooltuu irraa homaa hin tuffatin, fuula ifaa ta'een obboleessa keetiin wol gahuu osoo ta'eellee".
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili தமிழ் မြန်မာ Deutsch 日本語 پښتو Tiếng Việt অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands ئۇيغۇرچە සිංහල ไทย دری Fulfulde Magyar Italiano ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių or Română Kinyarwanda Српски O‘zbek Moore नेपाली Wolof Soomaali Malagasy Български Українська Azərbaycan ქართული bm тоҷикӣ Македонскиالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- toltuu hojjachuu fi osoma xiqqoo ta'eellee isa tuffachuu dhabuutti kakaasani, sana irraa yeroo wol geettii seequun fuula ifuudha, muslimaaf isa irratti bololuun barbaachisaadha; obboleessa muslimaa mukuu baasuu fi gammachuu isatti seensisuun waan isa keessa jiruuf jecha.فوائد الحديث
Sadarkaa Mu'umintoota gidduutti wol jaallachuunii fi yeroo wol geettiitti seequu fi gammaduun qabudha.
Guutumummaa shari'aa kanaatii fi waan hundaa kan of keessatti qabate ta'uu isaati, inni dhugumatti hunda waan isa keessa tolinni muslimootaa fi tokkummaan isaanii jiruun dhufe.
Yoo xiqqaatellee toltuu hojjachuutti kakaasuudha.
Muslimootatti gammachuu seensisuun jaallatamaa ta'uu isaati; tokkummaa gidduu isaaniitti dhugoomsuun waan sana keessa jiruuf.
التصنيفات
amala gaarii