Gaa’elli/nikaahni waliyyiin/eegduun malee hin hidhamu

Gaa’elli/nikaahni waliyyiin/eegduun malee hin hidhamu

Abuu Muusaa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaalatu, Nabiyyiin nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu akkana jedhan: "Gaa’elli/nikaahni waliyyiin/eegduun malee hin hidhamu".

[Sahih/Authentic.] [Ibn Maajah]

الشرح

Rasuulli nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, gaa’elli dubartii takkaa waliyyiin/eegduun malee sirrii akka hin taane ibsan.

فوائد الحديث

Waliyyiin/Eegduun gaa’elli sun seera qabeessa akka ta’uuf haal-duree yoo ta’u, dubartiin takka waliyyiin malee yoo heerumte, yookiin of yoo heerumsiifte seera qabeessa miti jechuu dha.

Waliyyiin/Eegduun dhiira ta'ee, dubartii sanatti dhihoo waan ta’eef, waliyyiin/eegduun fagoo eddoo namni itti dhihoo jirutti ishee heerumsiisuu hin danda’u.

Ulaagaaleen waliyyii: itti gaafatamummaa baachuu danda'uu, dhiira ta'uu, dantaa gaa’elaa beekuu irratti bilchina qabaachuu fi amantiin waliyyii fi dubartii sanaa wal fakkachuu, Namni amaloota kana hin qabne waliigaltee gaa’elaa keessatti akka waliyyiitti ulaagaa hin guutu.