Namni tokko dilii hojjetee, eegasii ka’ee wuduu'a hin godhatee, eegasii Rabbiin irraa araaama hin barbaadee jennaan, Rabbiin isaaf araaramu malee hin hafu

Namni tokko dilii hojjetee, eegasii ka’ee wuduu'a hin godhatee, eegasii Rabbiin irraa araaama hin barbaadee jennaan, Rabbiin isaaf araaramu malee hin hafu

Aliyyi irraa odeeffamee akkana jedhe: Ani naman yeroo Ergamaa Rabbii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hadiisa tokko dhagaye Rabbiin isaan waan na fayyaduu fedhe na fayyadun ture, Sahaabota isaanii irraa yeroo namni tokko waa naa odeesse naa kakachuun irraa barbaada, yoo naa kakate isa nan dhugoomsa, dhugumatti Abuu Bakir naaf odeesse, Abuu Bakir dhugaadha dubbate, akkana jedhe: Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kan akkas jedhuun dhagaye: "Namni tokko dilii hojjetee, eegasii ka’ee wuduu'a hin godhatee, eegasii Rabbiin irraa araaama hin barbaadee jennaan, Rabbiin isaaf araaramu malee hin hafu, eegasii Aayaa tana qara'an: {Isaan warra yeroo waan fokkataa hojjatan yookaan lubbuulee ofii miidhan Rabbiin yaadatanii, badiilee isaanitiif araarama kadhataniidha} [Aali imraan: 135].

[Sahih/Authentic.] [Abu Dawood]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gabrichi tokko yoo dilii hojjatee, wuduu’a tolchee godhatee, eegasii ka'ee niyyaa badii isaa kana irraa towbachuutiin rak'aa lama salaatee, eegasii Rabbiin araarama kadhatee, Rabbiin isaaf dhiisa jechuudha himan. Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jecha Rabbii ol ta’ee kana qara'an: {Isaan warra yeroo waan fokkataa hojjatan yookiin lubbuulee isaanii miidhan Rabbiin yaadatanii, badiilee isaaniitiif araarama kadhatanii fi Rabbiin malee kan badii araaramu hin jiru, haala badii ta’uu isaa beekaniin waan hojjatan irra hin turreedha} [Aali imraan: 135] [Aali Imraan: 135].

فوائد الحديث

Booda badiitii Salaatanii eegasii araarama kadhachuu irratti kakaasuudha.

Bal'ina araarama Rabbii ol ta'eetii fi towbaa fi araarama nama Isa kadhatee qeebaluu Isaatiidha.