''Namni waan hidhii isaa lameen gidduu jiruu (Arraba) fi waan luka isaa lameen gidduu jiru (Qaama saalaa) of naaf qabe jannatan isaaf of qaba''

''Namni waan hidhii isaa lameen gidduu jiruu (Arraba) fi waan luka isaa lameen gidduu jiru (Qaama saalaa) of naaf qabe jannatan isaaf of qaba''

Sah'li ilma Sa'di irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa irratti haa buusu- ni jedhan: ''Namni waan hidhii isaa lameen gidduu jiruu (Arraba) fi waan luka isaa lameen gidduu jiru (Qaama saalaa) of naaf qabe jannatan isaaf of qaba''

[sirrii] [Bukhaariitu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wantoota lama kan muslimni yoo isii qabate dhugumatti jannata seenu himan. Tokkoffaan: waan Rabbii ol ta'e dallansiisu dubbachuu irraa Arraba eeguudha, Lammaffaan: waan badaatti kufuu irraa qaama saalaa eeguudha; Sababa qaamolee kana lameenitiin badiiwwan argamuun waan heddummaatuufi.

فوائد الحديث

Qaama saalaa fi Arraba tiksuun jannata seenuuf karaadha.

Arrabaa fi Qaama saalaa kan addatti dubbateef; duniyaa fi Aakhiraa keessatti balaaf nama saaxiluu keessatti madda irra guddaa waan isaan ta'aniifi.

التصنيفات

sifaata jannataafii ibiddaa