Warra Jannataa isinitti hin himuu? Nama of gadi qabu kan namni isa tuffatu hunda, osoo Rabbiin irratti kakatee Rabbiin kaka isaa sana isaaf guuta. Warra ibiddaa isiniitti himuu? nama safuu hin qabne, kan of tuulu, kan haqa diduun boonu

Warra Jannataa isinitti hin himuu? Nama of gadi qabu kan namni isa tuffatu hunda, osoo Rabbiin irratti kakatee Rabbiin kaka isaa sana isaaf guuta. Warra ibiddaa isiniitti himuu? nama safuu hin qabne, kan of tuulu, kan haqa diduun boonu

Haarisaa bin Wahb Al-Khuza’ii irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhuun dhaga'e: «Warra Jannataa isinitti hin himuu? Nama of gadi qabu kan namni isa tuffatu hunda, osoo Rabbiin irratti kakatee Rabbiin kaka isaa sana isaaf guuta. Warra ibiddaa isiniitti himuu? nama safuu hin qabne, kan of tuulu, kan haqa diduun boonu».

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- tokko tokkoo amaloota warra jannataa fi warra hbiddaa himan. Irra baay'een warra jannataa isaan: "Hunda nama of gadi qabaa ta'ee kan namni isa tuffatuuti, jechuun: nama Rabbii ol ta'eef gad of qabu, kan isaaf lubbuu isaa xiqqeessu jechuudha, hamma namoonni tokko tokko nama laafatti isa ilaalanii isa tuffatan tokkotti, namichi Rabbii ol ta'eef of xiqqeessaa ta'e kun osoo Rabbirratti arjummaa isaa kajeelaa haala ta'een kakuu tokko kakatee Rabbiin kaka sana isaaf guutee waan inni irratti kakate sana bakkaan isaaf gaya, akkasumas du'aa'ii isaa qeebaluun waan inni barbaade isaaf kenna ture. Irra baay'een warra jahannam isaan: "Hunda nama utullii ta'eeti" inni nama jabeenya qalbii qabu kan mormii jabaatuudha, ykn nama safuu hin qabne kan kheyrii waan jedhamu hin beekneedha, akkasumas hunda nama "Jawwaaz" ta'eeti, inni nama boonu, kan akka malee nyaatu, kan qaaman furdaa ta'e, kan deemsa isaa keessatti of tuulaa deemu, kan amala badaa qabuudha, amala badaa kan qabuudha, akkasumas hunda nama "Mustakbir" ta'eeti, inni nama haqa diduu fi nama biroo tuffatuun boonuudha.

فوائد الحديث

Amaloota warra jannataa qabaachuu irratti kakaasuu fi amaloota warra ibiddaa irraa sodaachisuudha.

Gad of qabuun Rabbii ol ta'eef ta'a, ajaja isaa fudhachuun, dhoorgaa isaa irraa fagaachuun, uumamaaf gad of qabuun immoo Isaanitti of tuuluu dhiisuudhaan ta'a.

Ibnu Hajar akkana jedhe: wanni itti fedhame irra hedduun warra jannataa namoota akkanaa kana jechuudha, akka irra hedduun warra ibiddaa namoota akkasii sana ta'etti, akkana jechuudha malee guutumaa guututti warri jannataa fi warri ibiddaa isaannan dubbataman kana qofa jechuu miti.

التصنيفات

jiruu aakhiraa.