Akka ati jette kana ati yoo taate akka waan daaraa isaan siphachiifteeti, waan akka sanitti itti fufteen gargaaran Rabbiin biraa ta'e si waliin ta'uu irraa hin deemu

Akka ati jette kana ati yoo taate akka waan daaraa isaan siphachiifteeti, waan akka sanitti itti fufteen gargaaran Rabbiin biraa ta'e si waliin ta'uu irraa hin deemu

Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti Rabbiin irraa haa jaallatu: Namichi tokko akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii firan ani isaan fufu kan isaan na kutanin qaba, toltuun isaanitti hojjadha, isaan immoo hamtuu natti hojjatan, ani hamtuu isaanii danda'ee jiraadha, isaan immoo sana hin beekan, isaan akkana jedhaniin: «Akka ati jette kana ati yoo taate akka waan daaraa isaan siphachiifteeti, waan akka sanitti itti fufteen gargaaran Rabbiin biraa ta'e si waliin ta'uu irraa hin deemu».

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Namni tokko Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- fira tola itti oolu kan isaan faallaa sanaa itti hojjatan akka qabu himate, inni firummaa isaanii ni jabeessuudhaan isaanitti dhufa, isaan immoo isa ni muran, inni kheyrii hojjachuun isaanif toltuu yaada, garuu isaan miidhu fi itti garaa jabaachuun isatti hamtuu hojjatan, hamtuu isaanii danda'eeti isaanif dhiifama godha, garuu isaan jechaa fi gocha badaan hojii nama wallaalaa isatti hojjatan, wanti caqafame kun osoo jiruu firummaa isaanii tolchuu isaa itti fufaa? Rasuullis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhaniin: Yoo dubbiin akkuma ati jette kana ta’e, ati isaan salphiftee akka of tuffatan goodha jirta, akka waan ati daaraa ho’aa isaan nyaachiftuuti; tola oolinna kee baay'atee gochi isaanii badaa waan ta'eef jecha, gargaaran Rabbiin biraa ta'e kan isaan irratti si gargaaru fi badii isaanii si irraa deebisu si waliin ta'uu irraa hin deemu, ati isaanitti tola ooluu fi isaan badii sitti hojjachuu irraa waan dabbatte kana waan ati itti fufteen.

فوائد الحديث

Hamtuu gaariin deebisuun namichi hamtuu hojjatu gara dhugaatti akka deebi'uuf ni gargaara, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhetti: (Ishee toltuu taaten deebisi, yoo san inni gidduu keetif gidduu isaa diinummaan jiru akka jaalalloo firaa ta'uu agarta).

Ajaja Rabbii raawwachuun, osoo miidhaan isarra ga’ellee, Rabbiin gabricha mu'umina ta'eef gargaarsa gochuuf sababaa ta’aadha.

Firummaa kutuun addunyaa kana keessatti laalaa fi gidiraadha, Aakhiraa keessatti immoo dilii fi herrega namatti ta'a.

Muslimni hojii gaarii hojjate Rabbitti herregachuu qabaadha, akkasumas miidhaan namootaa fi isaan isa kutuun Aadaa isaa gaarii ta'e irraa isa deebisuu hin qabuudha.

Namni nama firummaa isaa fufeef harka kaffalu firummaa isaa fufaa miti, garuu inni dhugumaan firummaa fufa jedhamu nama yeroo firri isaa isa kute firummaa isaanii fufuudha.

التصنيفات

sadarkaa fira maxxansuu.