Ani booda kootii waanin isiniif sodaadhu keessaa tokko daraaraa fi faayni addunyaa isininitti banamuudha

Ani booda kootii waanin isiniif sodaadhu keessaa tokko daraaraa fi faayni addunyaa isininitti banamuudha

Abuu Sa’iid Al-Khudrii irraa akka odeeffametti, Rabbiin irraa haa jaallatu: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- gaafa tokko minbara irra taa'anii nutis isaan bira osoo taa'aa jirruu, akkana jedhan: «Ani booda kootii waanin isiniif sodaadhu keessaa tokko daraaraa fi faayni addunyaa isininitti banamuudha» namni tokko akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii wanti Gaariin waan hamaa ni fidaa? Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- callisanii jennaan, namichaan akkana jedhame: Maaltu si mudate? Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ni dubbiftaa isaan si hin dubbisan? (Wahyiin) kan itti buufamu ta'uu argine, eegasii dafqa of irraa haxaa'anii akkas jedhan: «Namichi gaafii dhiheesse eessa jira» akka waan Alhamdulillaah jedhaniiti, eegasii akkas jedhan: «wanti gaarin hamaan hin dhufu, dhugumatti waan birraan biqilchu keessaa kan ajjeesu ykn kan du'atti dhiheessu jiraachuu danda'a, ishee magariisa nyaattu malee, Hanga kaleen ishee lamaan diriirutti nyaattee booda gara aduutti garagaltee udaantee fincaantee, dheedde, qabeenyi kun magariisaa fi mi'aawaadha, qabeenyi muslimaa kan irraa miskiinaf, yatiimaa fi nama karaa deemuuf kennu waa tolee, ykn akkuma Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- jedhan, Namni haqa isaatin malee isa fudhatu akka nama nyaatee hin quufneti, guyyaa qiyaamaa immoo irratti ragaa ta'a».

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Gaaf tokko Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- minbara irra taa'anii sahaabota isaanii waliin haasa'aa akkana jedhan: Booda kootii wanti ani baay'ee isiniif sodaadhu barakaa dachii fi daraaraa, faaya fi miidhagina addunyaa, akkasumas wantoota ishee keessa jiran, gosoota meeshaalee, uffataalee, sanyii midhaanii garagaraa fi kan biroo wantoota yeroo dheeraa turuu dhabuu waliin namoonni bareedina isaatin dhaaddatan irraa waan isinitti banamuudha. Namni tokko akkana jedhe: Daraaraan biyya addunyaa qananii Rabbiin biraa ta'e, qananiin kun deebi'ee balaa fi adabbii ta'aa laata?! namoonni namicha gaafate kan ni komatan, yeroo isaanii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- callisan arganii, inni waan isaan dallansiise itti fakkaatetti. Eegasii wahyiin akka isaan irratti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- bu'aa jiru ta'uun ifa ta'e, sana booda dafqa adda isaanii irraa haxaa’utti seenan, eegasii akkana jedhan: Gaafataan eessa jira? Innis ana jedhe. Rabbiin galateeffatani faarsanii, eegasii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: kheyriin dhugaan kheyriin malee hin dhufu, garuu daraaraan duuniyaa tun kheyrii qulqulluu miti, sababa qorumsa, wal dorgommii fi aakhiraaf of kennanii hojjachuu irraa isheen qabamutti waan nama geessituuf jecha, eegasii sanaaf fakkeenya fayyadamuun, akkas jedhan: Biqiltuun birraa fi magariisummaan isaa; kunis gosa biqiltuu beeladaa hawwatuu fi sababa nyaata garmalee nyaachuutiin kan ajjeesu, ykn ajjeesuutti kan dhihaatudha, ishee magariisa nyaattu malee, hanga garaan ishee guutamutti nyaattee, eegasii aduutti garagaltee faltii garaa ishee keessa jiru bifa laafaan ta'een darbiti ykn fincaanti, eegasii waan qochimaa ishee keessa jiru ol baaftee alalchitee eegasii lirimsiti, eegasii immoo deebitee dheeddi. Qabeenyi kun akka biqiltuu magariisa mi'aawaa ta'eeti, baay'ina isaatin nama ni ajjeesa ykn ajjeesutti ni dhihaata, hanga haajatii fi waan isaan of ga'uun argamutti karaa halaala ta'een itti fayyadamuun yoo sana irratti gabaabbate malee, kun isa hin miidhu. Qabeenyi muslimaa kan irraa miskiinaf, yatiiimaa fi nama karaa deemuuf kennu ee waa tolee, Nama haqa isaatin isa fudhate Rabbiin isa keessatti barakaa isaaf godha, haqa isaatin malee isa fudhate immoo fakkeenyi isaa akka nama nyaatee hin quufneti, guyyaa qiyaamaa irratti ragaa ta'a.

فوائد الحديث

Nawawiin akkana jedhe: nama karaa sirrii ta’een fudhatee kaayyoo gaarii irratti baase sadarkaa qabeenyi qabu mul'isa.

Haala ummata isaanitii fi faaya fi qorumsa addunyaa irraa waan isaan irratti banamuuf taa'u irraa odeessuu Nabiyyiiti, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu.

Karaalee barsiisa Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- irraa tokko hiikoolee dhiheessuuf jecha fakkeenya fayyadamuudha.

Sadaqaa fi karaa kheyrii keessatti qabeenya baasuu irratti kakaasuu fi kan hoomaa irraa hin baafne isa qabachuu irraa akeekkachiisuudha.

Jecha isaa kan “Wanti gaariin waan hamaan hin dhufu” jedhu irraa ni fudhatama: rizqiin baay’ee yoo ta’ellee wantoota gaarii keessaa tokko ta’uudha. Hammeenyi kan isatti dhufu sababaa warri namoota isa haqa godhatanii kennuu dhabuutini, akkasumas wantoota karaa hin godhamin keessatti baasuun israafa godhuudha, wanti Rabbiin gaarii ta’uuf murteesse hundi hamaa ta’uu hin danda'u, faallaa kanaatiis akkasuma. Garuu nama waan gaarii kenname adeemsa isaa keessatti wanti hamaan isa mudatuu mala jedhamee sodaatama.

Xiinxala barbaachisa taanaan deebii kennuu keessatti ariifachuu dhiisuudha.

Xiibiin akkana jedhe: Hadiisa kana keessatti namoota gosa afurtu jira, qabeenya Addunyaa kanaan hanga dhifamutti daangaa dabree kan nyaatu, nyaatuus kan hin dhiifne, Kun dafee bada. Inni kaan immoo haaluma wal fakkaatuun kan nyaate yoo ta’u, garuu erga dhukkubichi isa to'atee isa deebisutti seenee jennaan dhukkubidhi isa irra aanee balleesse. Inni kaan haaluma wal fakkaatuun nama nyaate yoo ta’u, hanga dhukkubni sun badee nagaan argamutti dhukkuba kana irraa of eeguu fi ittisuuf dafee kan malateedha, Inni afraffaan nama osoo daangaa hin darbiin keessas achi hin kutin waan beela isaa irraa deebisu qofa irratti kan gabaabbateedha. Inni duraa fakkeenya kaafiraati, Inni lammaffaa immoo fakkeenya nama dilii hojjetuu kan hanga yeroon itti darbutti towbaa irraa dagateeti, Inni sadaffaan fakkeenya nama kheyrii fi hamtuu walitti maku kan towbaatti ariifatuuti. Inni afraffaan immoo fakkeenya nama addunyaa kana tuffatee aakhiraa kajeeluuti.

Ibnu Muniir akkana jedhe: Hadiisa kana keessatti fakkeenyota ajaa'ibaa hedduutu jiran, Inni jalqabaa: qabeenya biqiltuu fi daraaraatti fakkeessuudha, Lammaffaan: Nama qabeenya carraaquu fi sababaawwan barbaaduu keessa achi kute beeylada baala nyaachuu keessa achi kuttetti fakkeessuudha, Inni sadaffaan: qabeenya baay'isuu fi isa olkaachuu nyaata baay'isuu fi irraa garaa guutachuutti bolola jabaachutti fakkeessuudha, Afraffaan: Horii irraa waan bahu lubbuu keessatti bakka qabaachuu isaa waliin hanga isaan arjoomuu dhabuu keessatti daangaa darbutti nama geessu tokkotti sagaraa irraa waan beeyladaan baaftutti fakkeessuudha, kuni haala nama ajaa'ibuun shari'aatti inni jibbamaa ta'utti akeekuutu keessa jira. Inni shanaffaa: Nama qabeenya qusachuu fi isa walitti qabuu dhiisee taa'e, re’ee cinaacha isheetiin gara aduutti garagaltee ciistee boqottutti fakkeessuudha, Kunis isheen waan isheef gaarii ta’e akka hubattu argisiisa. Jahaffaan: du'a nama qabeenya kuufachuu malee nama rakkataaf hin kennine du'a beyladaa waan ishee miidhu irraa of irraanfattetti fakkeessuudha. Torbaffaan: qabeenya hiriyaa gara diinaatti jijjiiramuun isaa hin amanamnetti fakkeessuudha, aadatti qabeenyi isa jaallachuuf jecha tikfamee qabaan isaa jabeeffamuudha, Kun immoo nama isa haqa godhatuuf kennuu dhabutti nama geessee, namni isa kuufatu akka adabamu taasisuuf sababaa ta'a. kennuu irraa haaluutti nama geessa, Saddeettaffaan: Nama haqaan maletti isa fudhatu nama nyaatee hin quufnetti fakkeessuudha.

Siindiin akkana jedhe: "Akka hadiisa kanaatti wanti lama hafuu hin qabu, inni jalqabaa: qarshii sirnaan carraaqqachuudha, Inni lammafaa immoo: bakka itti kennuun eeyyamame keessatti isa kennuudha. Tokkoon isaan lamaanii yoo dhabame qabeenyi sun gara miidhaatti jijjiirama. Akkana jechuunis ni danda'ama: Hadiisni kun dhimmoonni lama akka walitti hidhata qaban akeeka; namni tokko bakka barbaadamutti isa kennuuf hin milkaa'u yoo sirnaan isa horate malee.

التصنيفات

hammeenya duniyaa jaalachuu