إعدادات العرض
Jaalalleen koo Nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, waan sadii akkan hojjedhu naaf dhaaman: ji’a ji’aan guyyaa sadii soomuu, raka’aa lamaan salaata Duhaa salaatuu fi osoon hin rafiin dura salaata witrii salaatuudha
Jaalalleen koo Nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, waan sadii akkan hojjedhu naaf dhaaman: ji’a ji’aan guyyaa sadii soomuu, raka’aa lamaan salaata Duhaa salaatuu fi osoon hin rafiin dura salaata witrii salaatuudha
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe: Jaalalleen koo Nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, waan sadii akkan hojjedhu naaf dhaaman: ji’a ji’aan guyyaa sadii soomuu, raka’aa lamaan salaata Duhaa salaatuu fi osoon hin rafiin dura salaata witrii salaatuudha.
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी ئۇيغۇرچە Hausa Português Kurdî සිංහල Nederlands অসমীয়া Tiếng Việt Kiswahili ગુજરાતી پښتو አማርኛ ไทย Română മലയാളം नेपाली Malagasy Deutsch Кыргызча తెలుగుالشرح
Abuu Hureyraan -Rabbiin irraa haa jaallatu- jaalatamaa fi saahibni isaa Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- wantoota sadii akka isaaf dhaaman hima: Tokkoffaa: ji’a ji’aan guyyaa sadii soomuudha. Lammaffaa: Guyyaa guyyaan raka'aa lama Duhaa salaatuudha. Sadaffaa: Hirriiba dura salaata witrii salaatuudha, Kunis nama halkan dhuma irratti hin dammaqu jedhee sodaateefi.فوائد الحديث
Garaagarummaan dhaamsa Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- sahaabota isaanitiif dhaamanii: Haala sahaabotaa fi waan tokko tokkoon isaanif malu beekuu isaanii irratti hundaa'a, nama jabaa humna qabu jihaadatu isaaf mala, nama Rabbiin gabbaruuf ibaadatu mala, nama hayyuu immoo beekusaatu malaaf, akkanumatti itti fufa.
Ibnu Hajar Al-Asqalaaniin jecha isaa kan akkana jedhu ilaalchisee: (Ji’a hunda keessaa guyyaa sadii soomuu): inni namaaf mul'atu wanni guyyoota kanatti fedhamaan guyyoota adii ta'uudha (Ayyaamul biid) isaanis: ji’a hijraa irraa guyyaa kudha sadaffaa, kudha afraffaa fi guyyaa kudha shanaffaati.
Ibnu Hajar Al-Asqalaaniin akkana jedhe: Hirriiba dura salaata witrii salaatuun barbaachisaa ta’uu agarsiisa, sun immoo nama dammaquuf ofitti amanamummaa hin qabneefi.
Barbaachisummaa hojiilee sadan kanneeniti; sababni isaas Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- sahaabota isaanii irraa namoota hedduudhaaf waan sana dhaamaniif jecha.
Ibnu Daqiiq Al-Iid jecha isaa kan akkana jedhu ilaalchisee:(Raka’aa lamaan Duhaa) akkana jedhe: Tarii asitti raka'aa xiqqaa salaatamuu qabutu dubbatame ta’a, Kunis salaata Duhaa salaatuun jaalatamaa ta’uu fi xiqqaan isaa raka’aa lama ta’uu agarsiisa.
Yeroon salaata Duhaa: Erga aduun baatee gara sa'aatii ruubii booda, hanga tilmaamaan daqiiqaa kudhan salaata Zuhrii duratti dheerata, baay’inni raka’aa isaa: inni xiqqaan raka’aa lama, irra baay'ee isaa keessatti hayyoota giddutti wal dhabdeen argameera; Raka’aa saddeet jedhame, irra baay'een isaa daangaa hin qabus jedhame.
Yeroon salaata witrii: Salaata Ishaa'ii boodaa kaasee hanga fajriin bahutti, irra xiqqaan isaa raka'aa tokko, baay'een isaa immoo raka'aa kudha tokko.
التصنيفات
soomana sunnaa