Arrabni kee Zikrii Rabbiitiin jiidhuu hin dhiisin

Arrabni kee Zikrii Rabbiitiin jiidhuu hin dhiisin

Abdullaah bin Busr irraa odeeffame -Rabbiin irraa haa jaallatu- namichi tokko akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii seerri Islaamaa natti baay'atee, kanaaf waanan bareechee isa qabadhu natti himi, isaanis ni jedhan: «Arrabni kee Zikrii Rabbiitiin jiidhuu hin dhiisin».

[sirrii] [tirmizii, ibnumaajahfii ahmad odeessan]

الشرح

Namni tokko Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- baay'ina ibaadaa sunnaa irraa kan ka’e dadhabinni akka isa mudate himate, Ergasii Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiratuu- hojii salphaa mindaa guddaa argamsiisutti akka isa qajeelchan gaafate. Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo hundumaa fi haala hundumaatti arrabni isaa Rabbiin zakkaruu akka subhaanallaah, alhamdulillaah jechuu, du'aa'ii godhachuu fi kan kkf irraa akka hin deemne isa qajeelchan.

فوائد الحديث

Sadarkaa yeroo hunda Rabbiin zakkaruun qabuudha.

Guddina tola Rabbii keessaa maloota mindaa ittiin argamu laaffisuudha.

Qooda isaan kheyrii irraa qaban ilaalchisee garaagarummaa gabroonni qabaniidha.

Yeroo baay’ee subhaanallaah, alhamdulillaah, Laa ilaaha illallaah, Allaahu Akbar jechuu fi kan kana fakkaataniin qalbiin walsimsiisaa arrabaan Rabbi zakkaruu heddummeessuun sunnaalee hedduu akka bakka bu'uudha.

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- gaafattoota hunda waan isaan waliin deemuun deebii isaanif kennuun haala isaanii ilaalcha keessa akka galchaniidha.

التصنيفات

sadarkaa zikrii