Musliima arrabsuun fisqii/safuu dhabuu dha, isan loluun ammoo kufriidha

Musliima arrabsuun fisqii/safuu dhabuu dha, isan loluun ammoo kufriidha

Abdullaah bin Mas'uud irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irratti haa jiraatu- akkana jedhan: «Musliima arrabsuun fisqii/safuu dhabuu dha, isan loluun ammoo kufriidha».

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu- muslimni tokko obboleessa isaa kan muslimaa arrabsuu fi jeequu irraa dhoorgan, Kunis safuu dhabuudha, jechuunis Rabbii fi Ergamaa Isaatiif -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ajajamuu irraa bahuudha, Muslimni tokko obboleessa isaa muslimaatin loluun gochoota kufrii irraayi, haa ta'u malee inni kufrii xiqqaa dha.

فوائد الحديث

Gurraa fi dhiiga Muslimaa kabajuun dirqama tahuudha.

Ulfinna/guddinna booddee nama haqaan malee muslima arrabsuu, Namni haqaan malee muslima arrabsu Faasiqa/ nama karaa Rabbii irra bahe taha.

Muslima arrabsuu fi isaan loluun iimaana akka laaffisee, xiqqeessuudha.

Gochoonni tokko tokko kufrii jedhaman; sadarkaa Kufrii guddaa amantii Islaamaa keessaa nama baasu osoo gayuu baatanillee.

Akka waliigaltee warra Sunnaatti, asitti kufritti kan fedhame kuffrii xiqqaa amantii keessaa nama hin baafneedha; Sababni isaas Rabbiin ol ta'e bakka yoo waldhabdee fi walfalmiin gidduu mu'umintootatti uumametti obbolummaa amantii amantootaaf mirkaneessee jira waan ta'eef jecha, akkas jedhe: (gareen amantootaa lama yoo wal lolan gidduu isaanii araarsaa) hanga (Mu'umitoonni Obbolaa dha) jechuu bira gayutti.

التصنيفات

sadarkaaleefii naamusoota, amala badaa