إعدادات العرض
1- “Dammaqaa! cubbuu gurguddaa isiniif himuu?
2- (Namni tokko yeroo obboleessa isaa jaallate akka isa jaallatu isatti haa himu)
3- “Cubbuuwwan gurguddoon: Rabbitti waan biraa qindeessuu, Haadhaa fi Abbaaf Galata dhabuu, Lubbuu ajjeesuu fi kakuu sobaa kakachuudha”
4- Torban balleessituu taate irraa fagaadhaa
5- ''Ani shirkii irraa irra dureessa (sooressa) shariikotaati, namni hojii tokko hojjatee isa keessatti Ana waliin waan biraa qindeesse, isaa fi shirkii isaa nin dhiisa
6- ''Manneen keessan qabrii hin taasisinaa, akkasuma qabrii koos iida hin taasifatinaa (kan itti deddeebi'amee ayyaaneffatamu), salawaata narratti buusaa; salawaanni keessan bakkuma jirtanu irraa na qaqqabaa''
7- ''Namni haala waan tokkollee Rabbitti hin qindeessineen Rabbiin wol gahe jannata seene, namni haala Isatti qindeessuun Isaan wol gahe immoo ibidda seene
8- ''Namni waan hidhii isaa lameen gidduu jiruu (Arraba) fi waan luka isaa lameen gidduu jiru (Qaama saalaa) of naaf qabe jannatan isaaf of qaba''
9- Irra caalaan zikriidhaa: "Laa ilaaha illallaah" jechuudha, irra caalaan kadhaadhaa immoo: "Alhamdulillaah" jechuudha
10- ''Jannanni gara tokkoo kessaniitti Haada kophee keessanii irra dhihaatti, ibiddis akkasuma''
11- Salaatowwan shanan, Jumu'aan hanga Jumu'aatti, Ramadaanni hanga Ramadaanaatti, waan isaan gidduutti raawwatame ni haqan yoo badii gurguddoo irraa fagaatame
12- Ibiddi fedhiiwwaniin haguugamte, jannanni immoo waan jibbamaan haguugamte
13- Haqni muslimaa muslima irratti waa shani, isaanis: salaamataa deebisuu, dhukkubsataa gaafachuu, janaazaa hordofuu, waamicha owwaachuu fi nama haxxiffateen "Yarhamukallaah" jechuudha
14- Namicha yeroo gurguru, yeroo bituu fi yeroo waan liqeesse deebisiifatu laafaa ta'e Rabbiin rahmata isaaf haa godhu
15- Namicha tokko kan namootaaf waa liqeessutu ture, gurbaa isaatiin akkas jedha ture: yeroo rakkataatti dhufte irra isaaf darbi, Rabbiin irra nuuf darbuutu mala
16- Muslimni lama (wol ajjeesuuf jecha) seyfii isaaniitiin yoo wal qunnaman, kan ajjeeses kan ajjeefames ibidd keessatti ta'an
17- Halalli ifa galaadha, haraamnis ifa galaadha
18- Rabbiin waan hunda irratti tola ooluu dirqama godheera
19- Rabbiin suuraa keessanii fi qabeenya keessan hin ilaalu, garuu kan Inni ilaalu qalbii keessanii fi hojii keessani
20- hojiin kamuu kan madaalamu niyyaadhaani, hunda namaatiifuu woma niyyate qofaatu isaaf jira
21- Hin dallanin
22- Osoo isin hirkannaa dhugaa Rabbirratti hirkattanii, akka allaattii razzaqutti silaa isiniis razzaqa ture, ganama garaa duwwaa bobbaatee galgala garaa guuttattee deebiti
23- Garbichi tokko badii wohii balleessee ka'ee akkas jedhe: yaa Rabbi badii koo naaf dhiisi
24- Worri haqaan murteessan (guyyaa qiyaamaa) Rabbiin biratti teessoowwan ifa irraa ta'e irratti, gara mirga Rahmaaniin ta'ani, harki Isaa lameenuu miraga
25- Komiin (hamti) maal akka ta'e beektuu?", Rabbii fi Ergamaa Isaatu beeka jedhan, Ergamaanis ni jedhan: "Obboleessa kee waan inni jibbuun dubbachuudha
26- Namoota qabeenya Rabbii haqaan maletti akka fedhanitti ittifayyadaman, isaaniif guyyaa qiyaamaa keessatti ibiddaatu jira
27- Toltuun hunduu sadaqaadha
28- Tooltuu irraa homaa hin tuffatin, fuula ifaa ta'een obboleessa keetiin wol gahuu osoo ta'ellee
29- Jabaan kan wallaansoo qabee injifate osoo hin taane, dhugumatti jabaan isa yeroo dallansuutti lubbuu isaa too'atuudha
30- nama toltuutti qajeelcheef fakkaataa mindaa nama isa hojjateetu isaaf jira
31- Warra du'an hin arrabsinaa, isaan gara waan dabarsaniitti (hojii isaaniitti) deemaniiru
32- Nama tokkoof halkan sadi'ii ol obboleessa isaatiin ooduun hin eeyyamamuuf, yeroo wol araganutti kunis irraa garagala sunis irraa garagala, irra caalaan isaanii isa salaamataan eegalu
33- Firooma kutaan jannata hin seenu
34- Namni wolitti nama naqu (diru) jannata hin seenu
35- Namni rizqiin isaa akka ballifamuuf, umuriin isaa akka dheereffamuuf jaallate, firooma isaa haa fufu (maxxanfatuu)
36- Gabrichi Rabbii isaatti akkaan kan dhihaatu yeroo sujuuda keessa jirutti, kanaafuu kadhaa heddummeessaa''
37- Namni Rabbii fi guyyaa Aakhiratti amane toltuu haa dubbatu yookaan immoo haa callisu
38- Nama namaaf rahmata hin goone Rabbiin ol ta'e rahmata isaaf hin godhu
39- Rabbiin biratti akkaan irra jibbamaan namootaa nama falmii gogaa falmuudha
40- Rabbiin biratti Irra jaallatamaan haasaadhaa afuri: Subhaanallaah (Allaahaan qulqullaa'e), Wal hamdu lillaah (faaruun kan Allaahaati), Wa laa ilaaha illallaah (haqaan gabbaramaan Allaaha malee hi jiru), Wallaahu akbar (Allaahaan waa hinda irra guddaadha), kamii isaanitiinuu eegaltu si hin miidhu
41- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra hedduu waan jannata nama seensisuu irraa gaafatamanii, akkas jedhani: "Sodaa Rabbiitii fi haala toluudha
42- Saalfiin iimaana irraayi
43- Du'aa'iin (kadhaan) inni ibaadaadha
44- Jechoota lama kan arraba irratti laafoo ta'an, miizaana irratti ulfaatoo ta'an, Rahmaaniin biratti jaallatamoo ta'an
45- Du'aa'ii caalaa wanti Rabbii ol ta'e biratti irra kabajamu hin jiru
46- Namni kabajaa obboleessa isaa irraa ittise Rabbiin guyyaa qiyaamaatti fuula isaa irraa ibidda deebisa
47- Namni Subhaanallaahi Wobihamdih, guyyaa keessa yeroo dhibba tokko jedhe, akka oomacha bahraa yoo ta'ellee badiin isaa isarraa haqamti
48- Namni yeroo kudhaniif "Laa ilaaha illallaahu Wahdahuu Laa Shariika lahuu, Lahul mulku Walahul hamdu wahuwa Alaa kulli shay'in Qadiir" jedhe
49- Namna Rabbiin toltuu isaaf fedhe diinii isa hubachiisa
50- Rabbiin gabricha (isa) sodaataa, of ga'aa, dhokataa ta'e jaallata
51- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan urgaa'u (shittoo) hin deebisanu turani
52- Irra iimaana guutuun mu'umintootaa haala irra tolaa worra qabanu, irra caalaan keessan dubartoota isaaniitiif worra irra caalaa ta'anidha
53- Gara laafummaan waan tokko keessatti hin ta'u isa faayu malee, waan tokko irraa hin fuudhamu isa jibbisiisu malee
54- Rabbiin gabricha irraa nyaata nyaatee isa irratti isa galatoomfachuu irraa jaallata, yookaan dhugaatii dhugee isa irratti isa galatoomfachuu
55- Mu'uminni haala toluu isaatin sadarkaa nama soomuu fi halkan dhaabbatuutti qaqqaba
56- Irra filatamaan keessan nama haalli isaa irra tolaa ta'eedha
57- Rabbiin warra nama miidhuuf yeroo qabaaf, yeroo isa qabetti immoo gad isa hin dhiisu
58- Booda kootii dhiirota irratti qormaata miidhaa ta'e kan akka dubartootaa hin dhiifne
59- Laaffisaa hin jabeessinaa, gammachiisaa hin baqachiisinaa
60- Namni bakka tokko qubatee eegasii, A'uuzu bikalimaatillaahi attaammaati Min sharri Maa Khalaq jedhe, qubsuma isaa sana irraa hanga imalutti homaa isa hin miidhu
61- Tokkoon keessan hin amanu hanga ani abbaa isaa, ilma isaa fi namoota hunda irra isa biratti irra jaallatamaa ta'utti
62- “Warra rahmata namaa godhan, Rahmaan(Rabbiin) rahmata godhaaf, warra dachii irra jiraniif rahmata godhaa, Inni samii keessa jiru rahmata isiniif godhaa”
63- Yaa gurbaa maqaa Rabbii waami(Bismillaahi jedhi), harka mirgaatiin nyaadhu, gara keetin nyaadhu
64- “Isin keessaa namni tokko yommuu nyaatu harka mirgaatiin haa nyaatu, yommuu dhugu harka mirgaatiin haa dhugu, Sheyxaanni harka bitaa isaatiin nyaata, harka bitaa isaatiinis dhuga”
65- Qulqullummaan wolakkaa iimaanaati, Al-hamdulillaahiin (faaruun hundi kan Rabbiiti jechuun) immoo miizaana guutti, Subhaanallaah fi Wal hamdulillaahiin (Rabbiin qulqullaa'e jchuu fi faarun hundi kan Rabbiiti jechuun) immoo ni guutani -yokaan ni guuutti- gidduu samiiwwanii fi dachii
66- Haqni Rabbii kan gabroota Isaa irra jiru Isa gabbaruu fi homaa Isatti qindeessuu dhabuudha, haqni gabroonni Rabbirraa qaban immoo nama Isatti homaa hin qindeessine azzabuu dhabuudha
67- Namni haala homaa Rabbiitti hin qindeessineen du'e jannata seene, namni haala waa tookko Rabbitti qindeessuun du'e immoo ibidda seene
68- Guyyaa qiyaamaa Rabbiin ummata koo irraa nama wohii uumama fuulduratti adda isa baasee
69- Rabbiin jannataa fi ibidda yeroo uumetti Jibriiliin -nagaan isarra haa jiraatu
70- Yemmuu Mu'azinni akkana jedhe: Allaahu Akbar, Allaahu Akbar
71- “Rabbiin ol ta'e akkana jedha: Anaa fi garbicha koo gidduutti salaata walakkaa lamatti qoode, Gabricha kootif immoo waan inni gaafatetu isaaf jira
72- yaa ergamaa Rabbii! badii irraa xiqqoos ta'ee guddoo isii hojjadhu malee hin dhiifne, ergamaanis ni jedhani: "Haqaan gabbaramaan Allaaha malee akka hin jirree fi Muhammad immoo ergamaa Rabbii akka ta'e ragaa kan baatu hin taanee?
73- Shayxaanni tokkoo keessanitti dhufuun akkas jedha: kana eenyutu uume? kanas enyutu uume? hanga Rabbii kee eenyutu uume? jedhutti itti fufa, yeroo bakka gaaffii kanaa ga'etti Rabbitti maganfatee waan sana irraa haa dhaabbatu
74- Gosoonni hojiiwwananii jaha, gosoonni namootaa afuri, (gosti hojiiwwanii) lama dirqamsiiftuudha, fakkaataa fakkaataadhaan mindeessuu, toltuun fakkaattii isii kudhaniinii fi toltuun tokko dhibba torbaaniidha
75- Dhugumatti mallattoolee qiyaamaa irraa beekumsi kaafamuu, wallaalumni faca'uu, sagaagalummaan heddummaachuu, dhugaatii sammuu nama adoochu dhuguun heddummaachuu fi dhiirotiin xiqqaatanii fi dubartoonni hanga dubartii shantamaaf dhiirri tokko bulchaa ta'utti heddummaachuudha
76- Hoolaa buburree fakkeeffamee duuti qabamee fidama
77- Ibiddi keessan ibidda jahannam qooda torbaatama irraa qooda tokkicha
78- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan tokko dubbatanii akkas jedhani: «sun kan ta'u yeroo beekumsi baduuf dhihaatedha
79- Beekaatti ittiin dhaaddachuuf jecha beekumsa hin baratinaa, gowwootas ittiin falmuuf jechas hin baratinaa
80- Rabbiin karaa sirriif fakkeenya godhe
81- tokkoon keessan yeroo gara maatii isaatti deebi'etti gaala rimaa qabdu gurguddoo gagabbattuu sadi isaan biratti argachuu ni jaallataa?
82- Abbaa Qur'aanaatiin ni jedhama: qara'i, ol ba'i, akka duuniyaa irratti qara'aa turte sanatti qara'i, qubsumni kee bakka aayaa dhuma irratti isii qaraatuutti ta'a
83- namni dhageessisee qur'aana qara'u akkuma nama sadaqaa mul'isee keennuuti, akkasumas namni sagalee gadi qabee qur'aana qara'u akkuma nama sadaqaa gadi qabee kennuuti
84- Ergamaa Rabbii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- aayatoota kudhan kan qara'an turani, hanga beekumsaa fi hojii waan isii keessa jiru baranutti barumsa kurnan biroo hin fudhatanu ture
85- yaa abal munzir, kitaaba Rabbii keessaa aayaa si bira jirtu kamtu irra guddoo akka taate beektaa?» ni jedhe: akkanan jedhe: {ALLAAHU LAA ILAAHA ILLAA HUWA AL-HAYYU AL-QAYYUUM} [Al-baqaraa: 255], ni jedhe: ergamaanis qoma koo keessa rukutuun akkas jedhani: «Rabbiinan kakadha beekumsi si haa gammachiisu yaa abal munzir
86- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- halkan hundaa yeroo gara firaasha isaanitti bahanitti ganaa isaanii lameen walitti qabanii, eegasii isaan keessatti tuttufuun: {Qul huwa allaahu ahad}, {qul a'uuzu birabbi al-falaq} fi {qul a'uuzu birabbinnaas} isaan keessatti qara'anii
87- yeroo worra isa irraa waan wol fakkaate hordofu agarte isaani worri Rabbiin jedhe, isaan irraa of eeggadhaa
88- laa ilaaha illallaah jedhi, guyyaa qiyaamaatti isiidhanin ragaa siif ba'aatii
89- {Ergasii wallaahi guyyaa san qananii irraa ni gaafatamtan}
90- Yeroo mu'azzina dhageessan waan inni jedhu jedhaa, ergasii salawaata na irratti buusaa
91- “Isin keessaa namni tokko masjiida yoo seene akkana haa jedhu: (Allaahumma iftah lii abwaaba rahmatik) jechuunis: Yaa Rabbi balbala rahmata keetii naaf bani jechuudha, yeroo bahu immoo akkana haa jedhu: (Allaaumma innii as'aluka min fadlik) jechuunis: Yaa Rabbi tola kee irraa si kadhadha jechuudha”
92- Sun sheyxaana “Khinzab” jedhamu, Yeroo wanti akkasii sitti dhaga’ame, Rabbitti irraa maganfadhuu, gara bitaa kee irratti yeroo sadii tufi