Haqni muslimaa muslima irratti waa shani, isaanis: salaamataa deebisuu, dhukkubsataa gaafachuu, janaazaa hordofuu, waamicha owwaachuu fi nama haxxiffateen Yarhamukallaah jechuudha

Haqni muslimaa muslima irratti waa shani, isaanis: salaamataa deebisuu, dhukkubsataa gaafachuu, janaazaa hordofuu, waamicha owwaachuu fi nama haxxiffateen Yarhamukallaah jechuudha

Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu ni jedhe- Ergamaa Rabbiitii akkas jedhuun dhaga'e -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-: "Haqni muslimaa muslima irratti waa shani, isaanis: salaamataa deebisuu, dhukkubsataa gaafachuu, janaazaa hordofuu, waamicha owwaachuu fi nama haxxiffateen Yarhamukallaah jechuudha".

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- garii haqoota muslimni tokko obboleessa isaa muslimaa irraa qabu ifa galchan. Jalqabni haqoota kanaadhaa nama salaamataa siin jedheef salaamataa deebisuudha. Haqni lammaffaa: dhukkubsataa gaafachuu fi isa ziyaaruudha. Haqni sadaffaa: Mana isaatii hanga bakka irratti salaatamuu fi hanga iddoo qabriitti janaazaa hordofuudha. Haqni afraffaa: Yeroo gara affeerraa cidhaa fi kan birootti isa waametti waamicha owwaachuudha. Haqni shanaffaa: Nama haxxiffate gammachiisuudha, innis yeroo namichi haxxiffatee Alhamdulillaah jedhetti: Yarhamukallaah isaan jechuudha, eegasii namni haxxiffate sun: Yahdiikumullaahu wayuslihu baalakum jedha.

فوائد الحديث

Muslimootii gidduutti haqoota mirkaneessuu, obbolummaa fi jaalala gidduu isaaniitti gad jabeessuu keessatti guddina islaamummaan qabuudha.

التصنيفات

naamusa salaamtaafii hayyama seensaa, naamusa haxxifannaafii hamoommuu, naamusa dhukkubsataa gaafachuu