إعدادات العرض
Warra du'an hin arrabsinaa, isaan gara waan dabarsaniitti (hojii isaaniitti) deemaniiru
Warra du'an hin arrabsinaa, isaan gara waan dabarsaniitti (hojii isaaniitti) deemaniiru
Aa'ishaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- ni jette: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Warra du'an hin arrabsinaa, isaan gara waan dabarsaniitti (hojii isaaniitti) deemaniiru".
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Tiếng Việt Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili မြန်မာ Deutsch 日本語 پښتو অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands ئۇيغۇرچە සිංහල தமிழ் ไทย دری Fulfulde Magyar ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių or Română Kinyarwanda Српски O‘zbek Moore नेपाली Wolof Soomaali Български Українська Azərbaycan ქართული тоҷикӣ bm Malagasy Македонскиالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- warra du'an arrabsuu fi kabajaa isaanii tuquun haraama ta'uu ibsan, akkasumas haalli kun haalowwan badoo irraa ta'uudha ibsan, hojiilee kheyrii irraa yookaan hojiilee hamtuu irraa isaan (warri du'an) gara waan dabarfatanitti waan gayaniif jecha, arrabni kunis warra lubbuun jiran azaa godha malee warra du'anitti hin gayu.فوائد الحديث
Hadiisichi warra du'an arrabsuun haraama ta'uu isaatiif ragaadha.
Warra du'an arrabsuu dhiisuu keessa bu'aa warra lubbuun jiranuu eeguutu jira, akkasumas wal madeessuu fi wal jibbuu irraa nageenya hawaasaa eeguutu hadiisicha keessa jira.
Sababni isaan arrabsuun dhoorgameef waan isaan gara waan dabarsaniitti gahanii jiranuufi, isaan arrabsuun homaa hin fayyadu, garuu isaan arrabsuu kana keessa firoota isaanii kan lubbuun jiran azaa godhuutu jira.
Ilmi namaatiif waan bu'aan keessa hin jirre jechuun hin barbaachisu.