إعدادات العرض
''Ani shirkii irraa irra dureessa (sooressa) shariikotaati, namni hojii tokko hojjatee isa keessatti Ana waliin waan biraa qindeesse, isaa fi shirkii isaa nin dhiisa
''Ani shirkii irraa irra dureessa (sooressa) shariikotaati, namni hojii tokko hojjatee isa keessatti Ana waliin waan biraa qindeesse, isaa fi shirkii isaa nin dhiisa
Abuu hurayraa irraa -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa irratti haa buusu- ni jedhan: ''Rabbiin ol ta'e ni jedhe: ''Ani shirkii irraa irra dureessa (sooressa) shariikotaati, namni hojii tokko hojjatee isa keessatti Ana waliin waan biraa qindeesse, isaa fi shirkii isaa nin dhiisa"
[sirrii] [Muslimtu gabaase]
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी ئۇيغۇرچە Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili မြန်မာ Deutsch 日本語 پښتو Tiếng Việt অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands සිංහල தமிழ் ไทย دری Akan Azərbaycan Български Fulfulde Magyar Italiano ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių Malagasy नेपाली or Română Kinyarwanda тоҷикӣ O‘zbek Moore Wolof bm Українська rn km Српски ქართული Македонски Русскийالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- Rabbiin ol ta'ee guddate akkana jedhe jechuudha himan: Inni shirkii irraa irra dureessa shariikotaati, inni waan hunda irraa dureessa, ilmi namaa hojiilee kheyrii irraa yeroo hojii tokko Rabbiif jecha hojjatee Isaan (Rabbiin) waliin waan biraa isa keessa galche, Rabbiin isa dhiisa, hojii sana isa irraa hin qeebalu, inumaayyuu hojii sana isarratti deebisa; Hojii Rabbii ol ta'eef qulqulleessuun dirqama ta'a, waan Inni (Rabbiin) -qulqullaa'e- waan fuula Isaa kabajamaaf qulqulluu ta'e malee waan biraa hin qeeballeefi.فوائد الحديث
Gosa shirkii hunda irraa sodaachisuu, waan inni (shirkiin) hojiin qeebalamuu irraa dhoorgaa ta'eefi.
Hojii Rabbiif qulqulleessuu irratti wantoota nama gargaaran keessaa, durummaa fi guddina Rabbii yaadachuudha.