Namni Subhaanallaahi Wobihamdih, guyyaa keessa yeroo dhibba tokko jedhe, akka oomacha bahraa yoo ta'ellee badiin isaa isarraa haqamti

Namni Subhaanallaahi Wobihamdih, guyyaa keessa yeroo dhibba tokko jedhe, akka oomacha bahraa yoo ta'ellee badiin isaa isarraa haqamti

Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: «Namni Subhaanallaahi Wobihamdih, guyyaa keessa yeroo dhibba tokko jedhe, akka oomacha bahraa yoo ta'ellee badiin isaa isarraa haqamti».

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni guyyaa tokko keessatti yeroo dhibba tokko «Subhaan Allaah Wobihamdih» jedhe, badiin isaa isa irraa haqamtee akka isaaf dhiifamtu himani, osoma akka oomacha adii yeroo guuboon ka'u bahra irratti ol ta'uutti yoo heddummaatellee.

فوائد الحديث

Mindaan kun nama guyyaa tokko keessatti itti fufiinsaanis ta'ee yookaan adda babaasee jedheef argama.

Tasbiiha jechuun: inni hirdhina irraa Rabbiin qulqulleessuudha, Hamdiin(Faaruun): jaallachuu fi isa guddisuu woliin guutummaan isa ibsuudha.

Hadiisichaan kan itti fedhame badii xixiqqoo haquudha, badiin gurguddoon immoo tawbaan isheef dirqama.

التصنيفات

sadarkaa zikrii