إعدادات العرض
Torban balleessituu taate irraa fagaadhaa
Torban balleessituu taate irraa fagaadhaa
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee _Rabbi isa irraa haa jaallatu_ Nabiyyiin _Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu_ akkana jedhan: «Torban balleessituu taate irraa fagaadhaa» ni jedhan (sahaaboonni): yaa Ergamaa Rabbii maali isaan? ni jedhan: «Rabbitti shaarrakuu, haqaan maletti lubbuu Rabbiin haraama godhe ajjeesuu, dhala nyaachuu, qabeenya yatiimaa nyaachuu, guyyaa lolaa baqachuu fi shamarran mu'umintootaa tikfamoo ta'an kan haraama quba hin qabne maqaa isaanii baalagummaan xureessuudha».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili தமிழ் မြန်မာ Deutsch 日本語 پښتو Tiếng Việt অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands ئۇيغۇرچە සිංහල ไทย دری Akan Azərbaycan Български Fulfulde Magyar Italiano ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių Malagasy नेपाली or Română Kinyarwanda тоҷикӣ O‘zbek Moore Wolof Српски Soomaali bm Українська rn km ქართული Македонски Lingalaالشرح
Rasuulli Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ummata isaanii dilii fi badiiwwan balleessituu taate torba irraa akka fagaatan ajajan, isiin maali jedhamee yeroo gaafatamanitti? ifa isii godhanii himan, isiinis: Tokkoffaan: Rabbitti waan biraa qindeessuudha, bifa kamiinuu ta'u fakkaataa fi hiriyaa isaaf taasisanii, gosa gabbartii irraa isa kamuu waan Rabbbiin malee jiruuf dabarsanii kennuudha, shirkiin waan irra guddaa badii ta'eef jecha isaan eegalan. Lammaffaan: falfala -inni waan hidhaa, ruqaa, dawaa fi aarsuu irraa ta'edha- inni nama falfalli itti godhame ajjeesuun, ykn dhukkubsuun qaama isarratti dhiibbaa fida, ykn haadha manaa fi abbaa manaa adda baasa, inni hojii shayxaanaati, irra hedduun isaa shirkii fi lubbuuwwan badduutti waan isiin jaallattuun itti dhihaachuun malee itti hin ga'amu. Sadaffaan: lubbuu Rabbiiin isii ajjeessuu irraa dhoorge karaa shari'aan eeyyamuu kan bulchaan raawwatuun alatti ajjeesuudha. Afraffaan: nyaachuunis ta'ee, yookaan karaa biraatiin itti fayyadamuun ta'ee dhala (ribaa) fudhachuudha. Shanaffaan: qabeenya ijoollee xiqqoo osoo inni hin baallaghin abbaan isaa du'etti daangaa darbuudha. Ja'affaan: lola kaafiraan woliinii irraa dheeysuudha. Torbaffaan: shamarran bilisa ta'an kan sagaagalummaa irraa tikfamoo ta'an maqaa xureessuudha, akkasuma dhiiras maqaa xureessuun.فوائد الحديث
Badiiwwan gurguddoon torba qofaan hin daangeffamtu, isii kana addatti dubbachuun waan isiin guddoo fi hamtuu taateef jecha.
Haqaaan yoo ta'e lubbuu ajjeesuun eeyyamamu hadiisicha irraa hubanna, sun akka gumaa baasuu, amantaa irraa garagaluu fi eega fuudhanii sagaagalummaa hojachuudhaati, sana bulchaa shari'aatu hojii irra oolcha.